Murtiin Ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa Waxabajjii 14/2013 akka gaggeefamu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 13, 2013 ( Yeroo ) – 

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa yaa’ii idilee Fulbaana 19, 2013 gaggeesseen gaaffii godinaaleen Lixa Oomoo, Beenchii Shaakkoo, Daawuroo, Shakkaa, Kafaa fi aanaan addaa Koontaa naannoo ta’uuf dhiyeessan sagalee guutuun raggaasiisuun isaa ni yaadatama.

Manni Maree Federeshiiniis yaa’ii idilee Fulbaana 28, 2013 gaggeesseen gaafficha fudhachuun Boordiin Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa murtii ummataa akka gurmeessu murteessee ture.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaas Yeroo sanaa kaasee murtii ummataa gaggeessuuf qophii taasisaa turuu gorsituun dhimmoota Komiinikeeshinii boordichaa aadde Sooliyaanaa Shimallis himaniiru.

Bu’uuruma kanaan,murtiin ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa Waxabajjii 14 bara 2013 akka geggeeffamuu fi isaafis qophiin xummuramaa jiraachuu aadde Sooliyaanaan beeksisaniiru.

Kana jechuunis murtichi Filannoo Biyyaalessaa waliigalaa marsaa 6ffaa waliin guyyaa tokko kan gaggeeffamu ta’uu isaati.

Murtiin kun filannoo waliigalaa faana guyyaa tokko gaggeeffamuun isaa baasii silaa kophatti murtichaaf ba’u kan hir’isu ta’uus aadde Sooliyaanaan kaasaniiru.

Galmeen filattoota murtichaa galmee filattootaa filannoo biyyaalessaa faana kan gaggeeffamu yoo ta’u,filannoo lamaaniifuu yeroo tokko sagaleen laatama jedhameera.

Mallattoon sirna murtii ummataa kanaaf barbaachisu baatii Eebilaa keessa ifoomuu kan eeran , aadde Sooliyaanaan

lakkoofsi namoota murtichaaf galmaa’anii isa kan Filannoo Biyyaalessaaf galmaa’anii irraa adda ba’uun kan ibsamu ta’uus himameera..

Murtii ummataa Sadaasa  2012 gaggeeffameen Naannoon Sidaamaa naannoo 10ffaa biyyattii ta’uun hundaa’uun isaa kan yaadatamuudha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *