ABOn kaadhimamtootaa akka galmeessisuuf carraan kennamuufii ni danda’a jedhame

Finfinnee, Bitootessa 8, 2013 ( Yeroo ) – 

Hooggansa Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) jiddutti ji’oota saddeet dura woli-dhabdeen uumamuun ni yaadatama.

Sababa kanaanis gareen Jaal Daawud Ibsaan durfamuufi gareen Jaal Araarsoo Biqilaan durfamu uumamuun ni beekama.

Kun ta’uu isaatiinis,Boordiin Filannoo Biyyaalessaa garee isa kamiif beekamtii akka laatu rakkatee ture.

Kanaafis furmaata ta’uu ni danda’a jechuun ABOn yaa’ii wolii galaa waamuun hooggansa akka filatuuf akeekkachiisee turuun ni beekama.

Haaluma kanaan addichi Sanbattan darbe yaa’ii wolii galaa gaggeessuun Obbo Araarsoo Biqilaa dura taa’aa,Obbo Birhaanuu Lammaa fi Obbo Qajeelaa Mardaasaa ammoo itti-aantota dura-taa’aa taasisuun filateera.

Kanaan alas,Yaa’ichi miseensa koree dhaabbii 43 fi koree jijjiirramaa giddugaleessaa 5 filateera.

Dambii seeraa fooyyeessuun, koree sirnaa fi hordoffii hundeessuus hubanneerra.

Itti-aanaan dura-taa’aa ABO ammaa Obbo Qajeelaa Mardaasaa,turtii torban lama dura Yeroo Miidiyaa woliin taasisaniin Boordiin Filannoo Biyyaalessaa rakkoo dhaabicha mudate hubachuun galmee kaadhimamtootaa ni hayyama yoo ta’e filannicha irratti akka hirmaatan himuun isaanii ni yaadatama.

Nutis gaafii yaadicha qabannee Boordii Filannoo Biyyaalessaatiif dhiyeessineen,deebii “bifa adda ta’een ABOf carraan kaadhimamtoota galmeeffachiisuu kennamuu ni danda’a “jedhu argannee jirra.

Dhimmicha irratti Hayyu-duree ABO duraanii Jaal Daawud Ibsaa dubbisuuf irra deddeebiin qaamaa fi bilbilaan yaalii yoo taasises naaf hin milkoofne.

Ta’us garuu itti-gaafatamaan sab-qunnamtiisaanii Baattee Urgeessaa yaada laataniin” yaa’iin taa’ame jedhamu beekamtii Hayyu duree kan hin qabneefi isaanis qaamaan kan irratti hin hirmaanne waan ta’eef fudhatama hin qabu “ jedhaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *