Dhaabbileen Miidiyaa Idil-addunyaa 8 Naannoo Tigraay seenanii akka gabaasaniif hayyamame

Finfinnee,Gurraandhala 17/2013 ( Yeroo )

BBC fi Rooyitarsi dabalatee dhaabbileen miidiyaa  idil-addunyaa 7 Naannoo Tigraay seenanii akka gabaasaniif hayyamamuu Waajjirri Ministira Muummee   Itoophiyaa beeksise.

BBC,Rooyitarsi,AFP,Aljeziiraa,New York Times,France 24 fi Financial Times dhaabbilee haala naannichi keessa jiru gabaasuuf hayyama argatan ta’uu fuula toora hawaasummaa Waajjira Ministira Muummee irraa hubanneerra.

Odeeffannoon sobaa haala naannichaa ilaalchisuun qaamota garaa garaatiin tatamsa’u mootummaa yaachisuus ibsicharraa hubannee jirra.

Mootummaan dhaabbilee biyya keessaa fi alaa woliin ta’uun lammiilee aanota naannichaa 34 keessatti argamaniifi baay’inni isaanii miliyoona 3.1 ta’uuf deeggarsa namoomaa akka taasises ibsi kun ni mul’isa.

Dhaabbilee idil-addunyaa fi namoota naannichatti deeggarsa namoomaa taasisuuf gaafataniifi ulaagaa guutan 135f hayyamni kennamera jedha ibsi mootummaa kun.

Naannichi yeroo ammaa labsii yeroo muddamaa keessa jiraachuu kan yaadachiise ibsi kun,gara naannichaa seenuuf porotokoolii labsii yeroo muddamaa guutuun akka barbaachisus hubachiiseera.

Miidiyaaleen biyya keessaafi alaa haala naannichi keessa jiru ilaalchisuun gabaasaa odoo jiranuu, naannichi miidiyaaleef cufaa ta’eera jechuun olola maqa balleesssi oofuun haala qabatamaa naannichi yeroo amma keessa jiru kan hin ibsinedha jedhameera.

Naannoleen biyyattii hundi bulchiinsa yeroo Tigraayiifi uummata naannichaatiif deeggarsa gosa garaa garaa taasisuuf waadaa akka seenanis eeramee.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *