“Oromoon ammallee tokkummaasaatiin ala waan biraa hin qabu”

Wallisaa Oromoo beekamaa Nahoo Goobanaa wayita ammaa kanatti birmannaa akka barbadan maatiin beeksiisan.

Haati warraa artisti Nuhoo Goobanaa Aadde Maliikaa Alii, fayyaan Nuhoo Goobanaa ummata Oromoo harka jirti jedhu.

“Yoo gargaartan ni fayya. Kan barbaadnus qabeenya kennuu qofa miti. Dhufanii ‘Nuhoo keenya maal keessa jirta’ jedhanii yoo gaafatan inni ni fayya,” jedhu Aaddee Maliikaan.

Wallisaa Nuhoo ummatasaa waan jaalatuuf sagalee ummataa dhagahuu fedha, jechuun akka abbaa warraasaaniif birmataniif dhaamsa dabarfataniiru haatii warraasaanii Aadde Malikaan.

Nuhoon dhukkuba sukkaaraafi dhiibbaa dhiigaa mudate gara istirookiitti cehee qaamasaa gara mirgaa sochoosuu dadhabsiiseera.

Tibba darbe baayyee dhukkubsachuun kutaa yaala cimaa seenanii kan turan yoo ta’u, yeroo ammaa garuu itti fooyya’ee nyaata fudhachu eegaleera jedhu.

Sirboota qabsoofi jaalalaa akkasumas meeshaalee muuziqaa taphachuun kan beekamu artisti Nuhoo Goobanaa erga dhukkubsatee manattii hafee waggoota jaha ta’eera.

Tibbana ammoo dhukkubnisaa itti cimee Hospitaala waliigalaa Adaamaatti yaala argachaa jira.

Dhukkuba isa mudate kanarraa fayyee hojii aartii jaalatutti deebi’iuuf hawwii guddaa akka qabus BBC’tti himera.

“Ummanni Oromoo eessa jiraa laata? Maaf na irraanfatanii? Namni inuma du’a ammoo osoo jiranii yoo walgargaaran irra bareeda,” jedhe Nuhoon.

Waggoota darban kanatti tumsa uummataatiin gargaaramuu kan himu Nuhoon, deeggarsa kanaaf galata qabus jedhe.

“Yaa uummata Oromoo xiqqaafi guddaan sinin galatoofmadha. Kan qabullee kan hin qabnellee cufti nagargaaruu fedha. Warra nagargaaranis Rabbi haa ta’uufin jedha.”

Nuhoon yeroo dhukkubsatee sireerra ciise kanattis Oromoon tokkummaan alatti fala kan biraa akka hin qabaanne dhaame.

“Tokkummaa gadi hin dhiisinaa. Har’as tokkummaan nu barbaachisa. Borus tokkummaan nubarbaachisa. Waan biraa hin qabdu Oromoon. Tokkummaa jabeessaa,” jechuun dhaame.

#Nuhoo_Goobanaa : “Oromoon ammallee tokkummaasaatiin ala waan biraa hin qabu”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *