Abukaatoon Jawaar hidhamee ture hiikame

Finfinnee,Ammajjii 26,2013 ( Yeroo )

Abukaatoo Jawaar Mahaammad,Baqqalaa Garbaa fi namoota jara faana hidhaman hedduu kan ta’e ogeessi seeraafi abukaatoo Kadiir Bulloo guyyaa kaleessaa Yeroo sa’aa tokko ta’uuf hidhamee hiikkamuun isaa himame.

Kadiir,ergaa eega gad-lakkifameen booda karaa fuula feesbuukasaatiin dabrseen worreen hidhamuusaatiin yaaddoo keessa turaniin ,’’Galata guddaa qabdan !! har’a yeroo xiqqoof qaamni nageennaa akka hin sochoone sa’aa tokkof na tursiisuu isaaniitiin rakkoon sirra gaye jettanii worreen yaaddan martuu maqaa ummata Oromootiin galatoomaa jedha ‘’ jechuun galateeffatee jira.

Sababaa hidhamuu isaas Kadiir ‘’ana kan akka hin sochoone na godhaniif ka’umsi nu’u hidhuifii mit.Namni bayyeen waa’ee fayyaa obboo Jawaar fa’a hubatuuf achitti argamee ture.Yeroo kanas nama achii bitinesssuun dirqama ta’e.Ani achi kan deemeef haala obboo Jawaar fa’a itti jiran gaafatuuf ture.Yoo achi gayus maatii isaanii keessaa namootni uffata boora ykn keelloo ufatanii achitti argaman afur hidhamuu natti himan.Anis maqaa isaanii galmeesse.Yeroo kana worri huccuu siivilii ufatee naannooo Jawaar fa’a itti hidhamanitti waan deemaa jiru xiinxallaa turan asii socho’uu hin qabdu jedhanii na’a ittisanii turan’’ jechuun ibseera.

Abukaatichi,hojii isaa fi sababa achitti argameef himuun dabalatatti hayyama abukaatummaa isaa mul’isee akka gadi lakkisaniin yoo gaafatellee dafanii akka gadi isa hin lakkifne dubbateera.

Xumura irrattis,hidhamuun isaa karaa nama isa beeku tokkootiin qondaala mootummaa olaanaa bira erga gaheen booda gadi lakkifamuusaa abukaatoo Kadiir Bulloo eereera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *