Naannoon Sidaamaa ifatti hundeeffame

Finfinnee, Gurraandhala 15/2013 ( Yeroo)

Mirga Naannoo of-danda’e ta’uu argachuuf woggoota digdamaa oliif qabsaa’aa kan ture Godinni Sidaamaa rifireendamii xumura bara darbee irratti taasifameen Naannoo ta’uun isaa ni yaadatama.

Ergasii kaasees caasaa naannummaa diriifachaa turee guyyaa har’aa immoo bakka geggeesitoonni naannoleefi magaalotaa argamanitti sirna hoo’aan akka Naannootti hundeeffamuusaa ifoomseera.

Ayyaana Hundeeffama naannoo Sidaamaa kana sababeeffachuunis naannolee  fi bulchiinsi magaalotaa naannichaaf Birrii miiliyoona dhibba 2 ol  deeggarsa taasiisaniiru.

Haaluma kanaan,Maaotummaan naannoo Oromiyaa birrii miiliyoona 100, Bulchiinsi magaalaa Finfinnee birrii miiliyoona 50, Naannoon Amaaraa birrii miiliyoona 30 Naannoon Soomaalee birrii miiliyoona 10, Naannoon Hararii miiliyoona 5, Naannon Afaar miiliyoona 7, fi Naannoon Gaambeellaa miiliyoona 5, akkasumas Godinii  Arsii Lixaa miiliyoona 1 magaalaan Shaashamannee miiliyoona 1.5 deeggarsa taasiisaniiru.

Sirna kabaja guyyaa hundeeffamaa Naannoo Sidaamaa kanarratti Preezdantii Mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimalliis Abdiisaa dabalatee hoggantoonni olaanoon federaalaa fi naannoolee argamaniiru.

Obbolummaa uummata Sidaamaa fi Oromoo kaasuun gara fuula duraas tokkummaa fi badhaadhina uummata naannolee lamaaniitiif ciminaan kan hojjatan ta’uu Obbo Shimallis Abdiisaa dubbataniiru.

Itti aantuun Kaantibaa Bulchiinsa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebees sirna hundeeffama naannoo Sidaamaa magaalaa Hawaasaatti gaggeeffameerratti argamuun Magaalaan Finfinnee magaalaa Ityoophiyaanoota hundaa ta’uu yaadachiisanii,, magaalichattis aadaa fi seenaa uummata Sidaamaa giddisuuf ni hojjetama jedhaniiru.

Yeroo itti aanuus hariiroo Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Sidaamaa waliin jiraatu caalmaatti cimsuu  fi magaalaa Hawaasaa waliin akka magaalaa obbolaatti waliin kan hojjetan ta’uu Aadde Adaanechi hubachiisaniiru.

Preezdaantiin naannoo Sidaamaa obbo Dastaa Leeddamoon gama isaaniin, magaalaa Finfinnee dabalatee naannolee deeggarsa taasiisaan hunda maqaa ummata Sidaamaan galateeffataniiru.

Yeroo Miidiyaanis Uummata Sidaamaatiin baga gammaddan jetti.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *