Woraanni Eertiraa Aksuum keessatti namoota nagayaa ajjeesuu mirkaneeffadheera-Aministii Internaashinaal

Finfinnee,Gurraandhala,19/2013 ( Yeroo )

Aministii Internaashinaal ragaalee Woraanni Eertiraa Naannoo Tigraay Magaala Aksuum keessatti namoota nagayaa keessumattuu dargaggoota dhibbaatamaan lakkaa’aman baatii Sadaaasaa darbe keessa ajjeesuusaanii mirkaneessu sassaabuusaa ifoomseera.

Ministirri Beeksisaa Eertiraa Obbo Yamaanee G/Masqal yaada dhimmicha ilaalchisuun karaa toora tiwutera isaaniitiin kennaniin, gabaasni Aministii Internaashinaal ragaalee sobaa kan gabaasichi dogongora ta’uufi biyyasaaniis mufachiisuu himaniiru.

Gabaasichi irra-jireessaan namoota 31 Giddu-gala baqattootaa Hamdaay biyya Suudaanitti argamu keessa jiraataniifi ajjeechaa Maayikaadiraa irratti hirmaatanii turan ,tariis miseensa woraana TPLF kanneen turan kan bu’uureffate ta’uu eeruun ,biyyisaanii himaticha akka hin fudhanne hubachiisaniiru.

Mootummaan Itoophiyaas ergaa karaa Ministeera Dhimma Alaatiin dabarseen maddi odeeffannoo dhaabbatichi itti-fayyadame kaayyoo dhugaa diriirsuutiif akka hin fayyadne eeruun gabaasicha qeeqeera.

Dhaabbatichi akka madda namoota Giddu-gala baqatootaa Baha Suudaanitti argamu keessa jiraataniifi jiraattota Magaalaa Aksuum muraasa bilbilaan dubbise qofa akka madda odeeffannootti fayyadamuun isaa fakii guutuu qabachuuf akka nama rakkisus ibsi mootummaan Itoophiyaa gabaasicha ilaalchisuun baase ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *