Itoophiyaan US akeekkachiifte

Itoophiyaan mootummaan US ibsawwan ”itti gaafatama hin qabneefi qaanessaa” irra deddeebbiin baasaa jiru jechuun Imbaasii Ameerikaa Finfinnee jiru akeekkachiiseera. Ministir Di’eetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Obbo Kabbadaa Hundeessaa ibsa kennaniiin akeekkachiisawwan gama Ameerikaan bahan maqaa biyyattii balleessuufi dippilomaatota irratti dhiibbaa uumuu kan kaayyeffatedha jedhaniiru.

Torban sadii dura mootummaan Itoophiyaa labsii muddamaa labsuu hordofee, Torban kana immoo Itoophiyaa keessa haleellaan shororkeessummaa raawwatuu mala jechuun lammiileen ishee akka of eeggatan akeekkachiifteetti. Ameerikaan ‘dhaabbileen dippilomatikii Itoophiyaa argaman, bakkeewwan turistii, buufata geejjibaa, gabaa, dhaabbilee warra Lixaa, bakkeewwan bashannanaafi kaan” haleellaa shororokeessummaan irratti xiyyeeffatamuu mala jetteetti.

Ministir Di’eetaan Ministeera Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Itoophiyaa Obbo Kabbada Hundeessaa ibsa har’a kennaniin ”Akeekkachiisawwan of eegannoon akka taasifamu jedhanii baasan kunneen dhugaarraa kan fagaataniifi Itoophiyaa shororkeessuun TPLF’fiif ammoo looguu gochuun kun waraanni ifa ta’e banamuu isaa ifa gochuu barbaadna,” jedhan.

Akkasumas ”maqaa gaarii Itoophiyaa balleessuudhaaf ibsa kaayyeffate akka ta’e beeksisuu barbaadna,” jedhaniiru. Dabalataan, ”karaa adda addaan garee shororkeessaa deeggaraa turanii badiin shororkeessummaa ni uumama jedhanii ibsa baasuun waan hin fakkaanneefi birmadummaa Itoophiyaa kan miidhudha,” jechuun akeekkachiisaniiru.

Sababa kanaanis, mootummaan Ameerikaas ta’e Imbaasiin biyyattii Finfinnee jiru ”ibsa itti gaafatamummaa hin qabne akkanaarraa akka of eegan,” akeekkachiisaniiru.

 Obbo Kabbadaan itti dabaluun sosochii “No More” fi balaaleffannaa giddu seentummaa alaa lammileen Ityoophiyaa fi dhalattoonni Ityoophiyaa taasisaniin biyyoonni hedduun Ityoophiyaa cinaa akka hiriiran taasisuu obbo Kabbadaan himaniiru.

Gama kaaniin guyyaa har’aa magaalaa Finfinneetti imbaasii Ameerikaafi Ingilizii (Biriteen) fuuldura hiriirri mormii taasifameera. Ergaan mormii kanaas mootummootni biyyoota lixaa dhimma Itoophiyaa keessa seenaniiru jechuuni.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *