Rakkoon hooggansa ABO jiddutti uumame ammas furmaata hin arganne

Finfinnee, Gurraandhala 21/2013 ( Yeroo )

Rakkoon hooggansa ABO jiddutti uumame ammas furmaata hin arganne- Obbo Qajeelaa Mardaasaa Itti-gaafatamaa Sab-qunnamtii ABO


Qabsaayaa gameessaafi itti-gaafatamaa sab-qunnamtii ABO kan ta’an Obbo Qajeelaa Mardaasaa haala keessoo ABO fi wolii-gala siyaassa biyyaa irratti Yeroo Miidiyaa woliin turtii taasisaniiru.Akka itti-aanutti dhiyaata ,nu woliin turaa !!

Yeroo:-Ji’a saddeet dura hooggansa ABO jiddutti woli-dhabdeen uumamuun ni beekama.Rakkoon kun furmaata argatee?Amma maali irratti argamtan?

Obbo Qajeelaa Mardaasaa:-Uummatni Oromoo bal’aan ABO irraa abdii guddaa akka qabuufi ilaalcha gaariis akka qabu ni beekama.Haata’uutii malee,Addichi sababa rakkoo keessoo isaatiin sadarkaa uummatni isa eeguun fuunduratti tarkaanfachuu hin dandeenye.

Isa durii dhiisnee rakkoodhumti ji’a torba dura uumameyyuu haga ammaatti hiikamuu hin dandeenye.Rakkoon nuyi hooggansa Addichaa jidduutti uumame akka mariin furamuuf yaaliin hedduun qaamota garaa garaatiin taasifamus rakkinichi ammas sababa diddaa Hayyu-duree Addichaa Jaal Daawud Ibsaatiin furmaata hin argatin hafeera.

Woli-dhabdeen uumame mariin hiikamee filannoo nu fuundura jirurratti hirmaachuun amaanaa uummatni nutti kennate akka bayannuuf jecha geggeesitoonni addichaa duraanii,jaarsoliin Oromoo,dursitootni amantaa,akkanumas Boordiin Filannoo Biyyaalessaa irraa deddeebiin nu mariisisuuf yaalanis sababa diddaa Jaal Daawudiin rakkoon kun haga ammaas hin furamin hafeera.

Yeroo:-Eegasiiyyuu Filannoo Biyyaalessaa 6ffaa irratti ni hirmaattu moo hin hirmaattan?

Obbo Qajeelaa Mardaasaa:-akkuma reef ibsuuf yaale hanga ammaas akka dhaaba tokkootti rakkoo dhimma keessoo keenyaa hin hiikkanne.Kun immoo tokkummaan filannoo irratti akka hin xiyyeeffanne nu taasiseera.Dabalataanis,guyyaan galmeessa kaadhimamtootaa xumuramuuf jedha.Kan ta’es ta’ee garuu,nuti gama keenyaan yoo Boordichi beekamtii nuu kenna ta’eefi yeroo galmeessa kaadhimamtootaa nuu dheeressa yoo ta’e filannicha irratti hirmaachuuf qophiidha.Boordiin Filannoo Biyyaalessaa kana akka nuuf taasisuuf woli-mari’achaas jirra.Boordichi kanaan odoo nu gargaaree biyyaafis isaafis gaarii ta’a jedheen yaada.

Yeroo:-ABOn inni dhugaa isa Jaal Daawud  Ibsaa dursan moo isa isin dabalatee Jaal Araarsoo Biqilaa faan dursan?

Obbo Qajeelaa Mardaasaa:- ABOn heddutu jira,yeroo dheeraa duraa kaasee miseensotiifi geggeesitooti addichaa hedduun Jaal Daawudiin dhiibamanii mirgi isaanii sarbamee dhaaba jaalataniifi aarsaa hedduu baasaniif gad-lakkisanii bahaniiru.Kanaafuu anaaf hooggansa gara fuula duraa dhufuufi tokkomee mariin geggeesutu ABO sirriiti jedheen amana.

Yeroo:-Jaal Daawud Ibsaa yeroo ammaatti hayyu duree ABOti jettanii amantuu?

Obbo Qajeelaa Mardaasaa:-Jaal Dawud yeroo ammaa kana dirqama itti kenname seeraan bahachaa hin jiru,koree hoji-raawwachiiftuu woliin hojjachaa hin jiru,adeemsaafi kaayyoo dhaabichaatti danqaraa ta’aa jira,akkanumas faallaa deemaa jira waan ta’eef inni anaaf Hayyu-duree Addichaatii miti.

Yeroo:-Dhimma woraana Naannoo Tigraayitti deemaa tureefi TPLF irratti maali jettu? Lolaa fi miidhaa uumameef eenyutu itti-gaafatamuu qaba jettu?

Obbo Qajeelaa Mardaasaa:-TPLF odoo sadarkaa kana irra hin geenyeen dura woggoota 27n darbaniif miidhaa guddaa uummata Oromoos ta’ee uummata Itoophiyaa irraan gahaa tureera,qabeenya biyyaafi uummataas saamaa tureera,mirga uummataas gar-jabummaan sarbaa tureera.Nuuyis akka ABOtti daba hedduu nurratti raawwateera.TPLF dhaaba hamaa shiraan guutamedha.

Lola naannicha keessatti geggeeffamaa tures ka jal-qabe isaan ta’uu hubanneerra.Obsa mootummaan taasises quba qabna.Haata’uutii garuu,uummata bal’aa Tigraayiif jecha Rakkoon ture otoodhuma karaa nagahaatiin hiikamee Gaarii ture yaada jechuun qaba.

Yeroo:-Garaa garummaan ijoon ABO fi Paartii Badhaadhina Oromiyaa gidduu jiru maali?

Obbo Qajeelaa Mardaasaa:-jijjiirama dura garaa garummaa hedduu qabna ture.Fakkeenyaaf seenaan,aadaan,kaayyoon,hawwii uummata Oromootiif qabnuufi waan hedduu kaasuun ni danda’ama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *