ABOn filannoo Biyyaalessaa 6ffaa keessaa bahuuf ammaaf mutii irra hin geenye

Finfinnee, Gurraandhala 13/2013 ( Yeroo )

Oduun tibba kana Addi Bilisa Baasaa Ummata Oromoo ( ABOn ) filannoo Biyyaalessaa 6ffaa keessaa bahe jedhamuun odeeffame soba ta’uu dubbi himaan Addichaa Obbo Baatee Urgeessaa Yerotti himaniiru.

Kana jechuun haala mijataa keessa jirra jechuu keenyaa miti kan jedhan dubbi-himitichi,”Sosochoonee kaadhimamtoota galmeessisuu hin dandeenye,yeroon immoo sokkaa jira.Haata’uutii malee hooggansi addichaa gara fuula duraatti dhimmicha irratti mari’atee ibisa ni kenna “jechuun deebii shakkisiisaa

Kennaniiru.

Hayyu dureen Adda Bilisa Baasaa Ummata Oromoo Jaal Daawud Ibsaas yaada guyyaa har’aa BBC Afaan Amaaraatiif kennaniin oduun ABOn filannoorratti hin hirmaatu jechuun tatamsa’e dogongora jedhaniiru.

Carraaqqiin Yaada garee ABO Jaal Araarsoo Biqilaatiin durfamuu itti dabaluuf taasifne ,sababaa ‘woli-gahii irra jiru’ jedhuun ammaaf fiixaan nuuf hin baane.

Haata’uutii malee tibba kana yaada gama lamaaniyyuu qabannee dhiyaachuuf ni yaalla.

Woli-dhabdee geggeesitoota addichaa jiddutti uumame furuuf ABOn yaa’ii wolii-galaa hatattamaan akka geggeessu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa akeekkachisuu isaa gabaasuun keenya ni yaadatama.

Oduudhuma woli fakkaatuun Koongiresiin Federaalistii Oromoo ( KFOn ) Pirofeesar Mararaa Guddinaatiin durfamu,”hidhamtoonni siyaasaa hidhaarra jiran odoo gad hin lakkifamneefi odoo biiroleen Koongiresichaa cufamanii turan hin baname filannicha irratti hin hirmaannu “ jechuun ijjannoosaa karaa toora feesbookasaatiin beeksiseera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *