Mootummaan naannoo Oromiyaa dhimmi barnoota afaan Oromoo dhimma mariif hin dhiyaanne ta’uu beeksise.

Mootummaan naannoo Oromiyaa dhimmi barnoota afaan Oromoo dhimma mariif hin dhiyaanne ta’uu beeksise.

Itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan mootummaan naannichaa guddina afaan Oromootif xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa akka jiruu fi gara fuula duraattis akka laatu beeksisaniiru.

Caaseeffama barnoota Ityoophiyaa ilaalchisee Ministeerri Barnootaa ibsi kannee fi odeeffannoon afaan Oromoo waliin deemu gonkumaa kan hojii qabatamaa jiru hin ibsineedha jedhaniiru obbo Shimallis ibsa isaanitiin.

Dhimma afaaniirratti araaramni tokkolleen akka hin jiraanne ummanni keenya hubachuu qabas jedhaniiru.

Aangoon manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa bulchuu, sirna barnootaa qopheessuu, qorumsa kutaa 8ffaa qopheessuu, soroorsuu fi qabxii murteessuu naannoof kan kennamedha jedhaniiru.

Kanatti eenyuyyuu bu’uu hin danda’us jedhaniiru itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan ibsa isaanitiin.

Afaan Oromootin akkuma kana duraa barnoonni kennamu itti fufa.

Mootummaan naannoo Oromiyaa afaan Oromoo guddisuuf hojii hoojjetu daran babal’isee bakka kana dura hin baratamnettillee akka baratamu taasisuuf hoojjechaa jira.

Kanaafis waliin tumsuu qabna jedhaniiru obbo Shimallis Abdiisaan.

Manneen barnootaa dhunfaa naannoo Oromiyaa keessatti sirna barnootaa naannichaatin ala hoojjetanirrattis barana tarkaanfii cimaa fudhatee kan sirreessu ta’a jedhaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *