Talaalliin Vaayirasii Koronaa ji’oota muraasa keessatti gara Itoophiyaa ni galfama-Dr Liyaa Taaddasee

Finfinnee ( Yeroo ) Muddee 20/2013

Talaalliin Vaayirasii Koronaa ji’oota muraasa keessatti gara Itoophiyaatti akka galfamu Ministirri Fayyaa ,Dr Liyaa Taaddasee himan.

Ergaan fuula feesbuuka Biiroo Eegumsa Fayyaa Magaala Finfinnee irraa arganee akka mul’isutti talaalliin Vaayirasii Koronaa kun deeggarsa qindoomina biyyoolessaa Koovaaksi jedhamuun gara Itoophiyaatti kan galfamu.

Talaallichi uummata biyyattii keessaa dhibbeentaa 20 talaaluuf akka dandeessisus Dr Liyaan ibsaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *