Reeffi Aggituu Guddataa biyyaatti fidamamee akka awwaalamu gaafatame

Finfinnee ( Yeroo ) Muddee,28/2013

Aggituu Guddataa dhalattuu Magaalaa Finfinnee yoo taatu bakka hojii dhuunfaashii hojjattee jiraattu biyya Itiliitti torbaan darbe keessa harka namaatiin ajjeefamuun ishii ni yaadatama.

Haaluma kanaan Bulchiinsi magaalaa Finfinnee awwaalchi Aggituu iddoo dhaloota ishiitti ta’uu qaba jechuun reeffi ishii gara biyyaatti akka fidamu Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaatiif gaaffii dhiyeessuu karaa toora hawaasummaa Pirees Sekreteeriyaatiisaan beeksiseera.

Ministeerri Dhimmi Alaas bulchiinsi magaalichaa fi maatiin ishii reeffa Aggituu simachuuf yoo qophii ta’an kan fidu ta’uu ibseera.

Aggituu Guddataa wayita baqaan Itilii jiraataa turtetti dubartii jabduu hojii uumuu fi hojjettuu cimtuu ta’uun akkasumas mirga dubartootaaf falmuun fakkeenya dubartoota Ityoophiyaa taate ta’uu itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee ibsaniiru.

Aggituun dhalattuu magaalaa Finfinnee waan taateef bakka dhaloota ishiitti kabajaan awwaallamuu qabdi jedhaniiru aadde Adaanech.

Ajjeefamuu ishiitiin hedduu akka gaddan kan ibsan aadde Adaanach, maatii fi firoottan ishiif jajjabina hawwaniiru.

Ministir Deettaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo, gamasaaniin yakki ajjeechaa Aggituurratti raawwatame gaddisiisaa fi sukkaneessaa ta’uu eeranii ,lammiileen Ityoophiyaa biyyoota garaagaraa keessa godaansaan jiraatan tokkummaa fi gamtaan haqa Aggituuf qabsaa’uu akka qaban dhaamaniiru.

Aagituu Guddataa carraa barnootaa argatteen gara biyya Italii deemuudhaan digirii lammaffaa barnoota “Sociologyn” xumurteetti. Sana boodas,Italii kooluugaltummaadhaan jiraachuu eegalte. Achittis naannoo Tireentino jedhamutti re’ee horsiisuun aannanii fi dhadhaa re’ee omishuudhaan gabaa gaarii waan argatteef milkooftee dubartii jabduu Addunyaa kanaa jedhamtee waamamuu dandeesseetti. Keessattuu namoota baqattummaadhaan biyya ormaa jiraatan maraaf fakkeenya milkaayinaa jedhamtee eeramti.

Sababa gurrachuma isheetiin kan ka’e darbee darbee sodaachisni fi harrabsoon sanyummaa warra adiirraa ishee mudatullee hojiisheetiin hedduu milkooftee jiraatti ture.

Aggituu Guddataa torbaan darbe galgala keessa mana ishee keessatti, warra sodaataa turte keessaa utuu hin taane namuma akka ishii gurraacha ta’ee fi Ardii Afriikaa biyya Gaanaa irraa garasitti godaaneen burruusaan mataa keessa reebamtee, gudeedamtee ajjeefamuushii fi ka’umsa ajjeechaa kanas qorachaa jiraachuu Poolisiin Itilii beeksisuun isaa ni yaadatama.

Yeroo Miidiyaanis maatii fi firoottan Aggituuf jajjabinan hawwa…..

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *