“Humnootaa keessaa fi alaatiin sochii biyya diiguu raawwatamaa jiruun, rakkoof saaxilamaa jirra” DR.Dabratsiyoon Gabramikaa’el

Addi Bilisummaa Uummata Tigiraay ‘TPLF’ mata duree Heera mootummaa fi sirna federaalawaa Sab-daneessaa baraaruu jedhuun yeroo lammataaf Maqaleetti kora taa’aa jira. 
Kora paartileen siyaasaa fi namootni adda addaa naannolee gara garaa irraa afeeramanii irratti hirmaatan kanarratti, Itoophiyaan rakkoo daran hamaafi sodaachisaa keessa akka jirtutu himame. 
Korri kun rakkoo biyyattiin keessa galterraa baraaruuf fala barbaaduuf yaadameeti jedhan pireezidantii itti aanaan Naannoo Tigiraay Dr Dabratsiyoon Gabramikaa’el. 
“Humnootaa keessaa fi alaatiin sochii biyya diiguu raawwatamaa jiruun, rakkoof saaxilamaa jirra. Nagaan boora’aa jira, olaantummaan seeraa hin kabajamu, heerri mootummaas ifatti cabaa jira” jedhan.Paartileen siyaasaa biyyaalessaa fi naannoo 50 oliifi qaamoleen hawaasaa adda adda 700 olis irratti argamaniiru jedhu qindeessitoonni kora kanaa. 

Haa ta’u malee dhaabbilee siyaasaa jajjaboo biyyattii keessaa kan kora kanarratti argaman hin jiran. 
Aanga’oonni olaanoo mootummaa duraanii akka aadde Gannat Zawudee fi Obbo Kaasuu Ilaalaa kora kanarratti argamanii jiru. 
Dhaabbileen siyaasaafi namootni hedduun osoo hirmaachuuf fedha qabanii dhiibbaa isaanirra gaheen kora kanarraa hafuu Dr Dabratsiyoon himaniiru.Naannoo Oromiyaa irraa dhaabni siyaasaa Kongirasii Biyyaalessaa Oromoo, kan mootummaa duraan ture waliin hidhata akka qabu komatamu hirmaateera. 
Marichi kaka’umsa ‘TPLF’ fi Yuunivarsiitii Maqaleetiin qophaa’ee kan jedhan dura taa’aan dhaaba kanaa Obbo Tolasaa Tasfaayee humnoota yaada federaalawaa qabantu irratti hirmaataa jira jedhan. 
“…firri dhaabbataas ta’e, diinni dhaabbataan hin jiru” 
Waggoota 27 darban sirni federaaliizimii raawwii isaatu rakkoo qaba ture, diimokiraasiin hin deeggaramne kan jedhan Obbo Tolasaan, sun akka sirratu gaafataa turre jedhan. 

Kanaaf rakkoo as nutti adeemaa jiru akkamiin jalaa baana jennee mari’achaa jirra jedhan. 
Kora ‘TPLF’ magaalaa Maqaleetti taa’amaa jiru kun isa lammataati. 
‘TPLF’ sirnuma federaalaawaa waggoota 27 darban ofii isaa diigaa tureefi heera mootummaa ofii cabsee ittiin nama dararaa tureef akka wabii dhaabbatu fakkeesse falma jechuun aanga’oota ODP dabalatee rogeeyyiin hedduun ‘TPLF’ qeequ. 
Korri Wiixata kaleessaa eegale har’as itti fufee mari’atamaa jira. 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *