Manni Marii Naannoo Benishaangul Gumuuz mirga himatamuu dhabuu miseensota afurii kaase

Finfinnee ( Yeroo ) Muddee 20/2013

Manni marii Naannoo Benishaangul Gumuuz gaafii mirga himatamuu dhabuu miseensota mana marichaa afurii mormii tokko malee sagalee guutuun raggaasisee jira.

Mirgi himatamuu dhabuu miseensota kanneenii kaafamuuf sababaan ajjeechaa lammiilee nagayaa tibbana godina Matakkalitti raawwatame keessaa harka qabaachuu hin oolan jedhamee shakkamuusaaniiti.

Namoota kanniin irraa mirgi himatamuu dhabuu kan ka’e gaafii abbaan alangaa federaalaa ajjeechaa lammiilee tibbana Matakkalitti raawwatame irratti hirmaachuu hin oolle jechuun dhiyeesse yoo ta’u,isaanis:-
1ffaa.Obbo Adigoo Amsaayyaa
2ffaa.Obbo Shifarraa Caliiboo
3ffaa.Obbo Girmaa Manii fi
4ffa. Obbo Araggaa Baalbiidiiti.

Ajjeechaa raawwatameef qaamotni hidhatanii socho’an qofti kan itti-gaafataman odoo hin taane,caasaan mootummaa gandaa kaasee jirus sakkatta’amuu akka qabu miseensonni mana marichaa hubachiisaniiru.

Hojiin lammiilee sababa rakkinichaan qe’eefi qabeenya isaanii irraa buqqa’an gara qe’eesaaniitti deebisuuu fi deeggarsa taasisuus saffisaan akka hojjatamu miseensonni mana marichaa dubbataniiru.

Karaa gara biraan qondaaltonni olaanoon lama dabalataan toowannaa jala oolfamuusaanii hoogganaa ittaanaa Biiroo ijaarsa Nageenyaa fi Tasgabbii Naannoo Benshaangul Gumuuz Obbo Muusaa Hamiid ibsanii jiru.

Qondaaltonni toowataman kunniin bulchaa Godina Matakkal Obbo Attinkuut Shittuu fi ittaanaa komishiinara poolisii naannichaa Inispeektar Misgaanaa Injifataa akka ta’anis Obbo Muusaan eeraniiru.

Guyyoota muraasa duras di’eetaa Ministira Hojjataa fi Dhimma Hawaasummaa Obbo Toomaas Kiiwwii dabalatee qondaaltonni olaanoon jaha toowatamuun isaanii ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *