Ummatni Tigraay sodaa TPLF deebi’ee dhufuu ni danda’a jedhu keessaa bahaa jira -qondaala Bulchiinsa Yeroo Naannicha

Finfinnee ( Yeroo ) Mudde,18/2013

Injifatamuu TPLF hordofee torbaanota sadan darban keessa uummatni naannichaa hedduun shakkii geggeesitoonni fi caasaan dhaabichaa deebi’anii dhufuu ni danda’u jedhuun mamii kessa akka ture qondaalli miseensa koree olaanaa bulchiinsa yeroo naannichaa akka maqaan isaanii hin dhahamne barbaadan tokko Yeroo Miidiyatti himanii jiru.

TPLF Yeroo gabaabaa keessatti garaa garummaa bal’aan injifatamees irra jireessi uummata naannichaa shakkii keessa waan tureef marii irratti hirmaachuuf sodaachaa turuu kan eeran qondaalli kun Yeroo ammaa garuu ummatichi sodaa keessaa bahuun marii fi ijaarsa caasaa haararratti bal’inaan hirmaachaa jiraachuu dubbatan.

Foyya’iinsa xin-sammuu hawaasaa kanatti gargaaramuun keessumattuu aanaalee jiddu-galeessaa fi Kaaba naannichaa heddutti caasaalee haaraa diriirsuun akka danda’ames qondaaltichi Yerootti himaniiru.

Karaa gara biraatiin magaalota,aanaalee fi godinoota Kibba naannichaatti argamanitti garuu bulchiinsi Yeroo naannichaa haga ammaatti caasaa diriirfachuu akka hin dandeenye kan ibsan qondaaltichi,sababaan isaas humni addaa fi milishaan Naannoo Amaaraa maqaa ristii deeffachuu jedhuun naannicha humnaan qabatee jiraachuusaati jedhaniiru.

Koreen hoji-raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa wol-gahii ariifachiisaa torbaan darbe keessa taa’een duulli naannichaatti taasifame seera kabachiisuuf qofa ta’uufi dhimmi daangaafi eenyummaa garuu gara fuula duraa Komishiinii Eenyummaa fi daangaatiin qofa deebii akka argatu eeruun humni addaa fi milishaan Naannoo Amaaraa naannicha gad-lakkisee akka bahu akeekkachiisuun isaa ni yaadatama.

Haaluma kanaan humni kun guyyoota ittaanan muraasa keessatti iddoowwan humnaan qabatee ture kanniin gad-lakkisee akka bahu Af-yaa’iin Mana Maree Federeshiinii Aadam Faaraa qondaaltota bulchiinsa yeroo Naannoo Tigraayiif mirkaneessuusaaniis qondaalli kun Yeroo Miidiyaatti himanii jiru.

Adeemsa ittaanee jiraatus Yeroon faana buutee kan isin biraan geettu ta’a.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *