Hojjattoonni mootummaa hundi Wixata boriitii kaasee gara hojiisaanii deebi’uu qabu-Dr Muluu Naggaa

Finfinnee (Yeroo) Muddee 04/2013
Hojjattoonni mootummaa Naannoo Tigraay sababa rakkoo nageenyaan hojiisaanii dhaabanii turan Wixata Muddee 4 kaasee gara hojiisaanii akka deebi’an hoji geggeessaa olaanaan Bulchiinsa Yeroo Naannichaa Dr Muluu Naggaa akeekkachiisan.

Hojjataan mootummaa guyyaa eerametti gara hojii hin deebine akka fedhiisaatiin hojicha gad lakkiseetti fudhatama jedhameera.

Namoonni meeshaa woraanaa karaa seera qabeessaanis ta’ee karaa seeraan alaatiin hidhatanii jiran hundi haga Kiibxata Muddee 6tti meeshicha mootummaaf galii akka taasisanis hoji geggeestichi hubachiisaniiru.

Kun yoo hin taanee garuu sakatta’iinsi manaa manatti akka taasifamuufi namootni sakatta’iinsa taasifamuun meeshaan woraanaa harkasaaniitti argame akka itti gaafatamanis Dr Muluun dubbataniiru.

Dhaabbileen daldalaas Dilbata har’aatii kaasee hojiisaanii eegaluu akka qaban kan akeekkachiisan Dr Muluu Naggaa,dhaabbilee hojiisaanii hin jal-qabin hafan irratti garuu tarkaanfiin seeraa ni fudhatama jedhanii jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *