Hoggantootni TPLF Duraanii Dhaabbata Fayyaa Addunyaa fi Daandii Qilleensa Itiyoophiyaa Hogganan Qeeqaman

Finfinnee, Gurraandha 13,2012 Yeroo Magazine (Yeroo.Org) Miseensonni duriinii Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay(TPLF) lama ta’an dhimmi tatamsa’iinsaa fi weerara Vaayirasii Koroonaatiin wal qabatee sababa murteewwan hin malle kennaniin/fudhataniin hordoffii fi too’annoo Idil-Addunyaa jala jiru jedhame.

Perezdantiin dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii akka ibsetti Dura taa’aanii fi hoji gaggeessaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa kan ta’an Dr.Tewudiroos Adihaanom G/Igzahaaber xalayaa iyyata hojii gadi dhiisuu isaaniitiif( Petition) mallattoon kuma 350 ol ta.uu qaba jedheera.

Iyyanni kunis akkas jedha” Dr.Teewudiroos miidhaa vaayirasiin Koroonaa geessisu hubachuu waan dhabanii fi yeroo isaatti daddaaffiin Vaayirasiin kun dhimma hatattamaa fayyaa Addunyaa ta’ee labsuu irratti hedduu itti barfateera” jechuun qeeqamaniiru.

Hojii Gaggeessaan Daandii Qilleessa Itiyoophiyaa Taweldi G/Maariyaam Daandiin qilleensa Itiyoophiyaa balalii isaa gara Chaayinaatti akka taasisu heeyyamuun isaa miidhaa fi balaa Vaayirasii Koroonaa fiduuf harkifannaa fi maal na dhibdee mul’isuu isaatiin himatame.

Daandii Qilleensa Ameerikaa, Daandiin Qilleensa Ingiliizii ,Daandiin Qilleensa Keeniyaa ,Daandiin Qillensa Gibstii fi Daandiin Qilleensaa kanneen biroo hedduun isaanii dursanii imala(Balalii) isaanii gara chaayinaatti taasisaa turan addaan kuatanii/ haqanii jiru. Garuu Obbo Taweldi “ Obbolaawwanii fi obboleettiiwaan keenya Chaayinaa waliin ni dhaabbanna” jedhan.Haata’u malee lammiileen Itiyoophiyaa hedduun isaanii obbo Tewaldi nama gaafatamummaan itti hin dhagahamneedha jechuunis qeeqaniiru.

Imaltoota Chaayinaa irraa gara Itiyoophiyaa dhufan qorannoo fayyaa Vaayirasii Koroonaa taasisuudhaaf Finfinnee Buufata Xiyyaara Idil-Addunyaa Booleetti buufanni fayyaa fi ogeeyyii qorannoo qopheessanii turan. Haa ta’uyyu malee namootni Vaayirasii Koroonaatiin qabaman torbee lamaaf mallattoon homaatuu osoo hin agarsiissin turuu danda’u.Kanaafuu Buufata Xiyyaara Booleetti adeemsi qorannoon namoota vaayrasichaan qabaman addaan baafachuuf tasifamu gahaa waan hin taaneef lammiilee Itiyoophiyaa guutumaa guututti hin fayyadu jechuun qeequ. 

Hoji gaggeessaan Daandii qilleensa Itiyoophiyyaa Taweldi miseensa TPLF kan turee fi bara 2011 sababa wal dhibdee siyaasaa yeroo sanaatiin hoji gaggeessaa daandii Qilleensaa duraanii Girmaa Waaqee bakka buufame.Akkasumas Daarektarri Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Teewudiroos Adhaanom waggoota dheeraadhaaf gaggeessaa Tplf kan turee fi yeroo Ministeera Fayyaa turettis nama weerara Dhibee coleeraa yeroodhaan too’achuu hin danda’iniidha jechuun komiin irraatti kan ka’aa tureedha

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *