Gaazexeessaa Sisaay Fidaa ajjeefame

Finfinnee, Caamsaa 2, 2013 ( Yeroo )- 

Gaazexeessaa Sisaay Fidaa humna Shaneen ajjeefamuutu ibsame.

Gaazexeessaan OBN Sisaay Fidaa Humna  Shaneen ajjeefamuu isaa Qajeelichi Poolisii Godina Qeellam Wallaggaa beeksiseera.

Gaazexessaa fi qindeessaa OBN Damee Godina Qeellam Wallaggaa Sisaay Fidaa kaleessaa cidha firaa irra oolee osoo galu naannoo mana isaatti namoota lamaan ajjeefamuu Qajeelcha Poolisii Godina Qeellam Wallaggaatti itti aanaan Daayrektera  mirkaneessa Nageenya Naannoo Inispeektar Ahmad Yaasiin bilbilaan OBNtti himaniiru.

Sisaay,Kaleessa sa’aatii 11:30 irratti balbala mana isaa afotti namoota maqaa abbaa torbeetiin of waaman lamaan haala sukkanneessaa ta’een ajjeefamuusaa Inspeektar Ahmad ibsaniiru.

Namootni lamaan gaazexeessaa Sisaay galaafatan ebaluun isaanii akka beekamuufi hordofamaa jiraachuus Inispeektar Ahmad eeraniiru.

Sirni Awwaalcha isaas guyyaa har’aa Godina Qeellam Wallaggaa Magaalaa Dambidoolloo Bataskaana Madaanaalamitti raawwatameera.

Hoggantoonniifi hojjettoonni OBN guyyaa har’aa yaadannoo isaatiif mooraa OBN Adaamaatti argamutti sirna dungoo qabsiisuu gaggeessaniiru.

 Gaazexessaa Sisaay Fidaa Bara 1978 irraa eegalee hanga bara 1998titti Aanaa Gidaamii manneen barnootaa adda addaatti ogumma barsiisummaatiin tajaajilaa turuufi bara 1999 irraa eegalee ammoo Dhaabbata Raadiyoofi Televizyinii Oromiyaa duraanii, OBN ammaatti qindeessaa damee Qeellam Wallaggaa tahuun hanga lubbuun isaa darbitutti tajaajilaa akka ture odeeffanneerra.

Gaazexessaa Sisaay Fidaa ga’eessa ganna 56 yoo ta’u,gaa’ila ijaarratee ijoollee dhiiraa sadiifi dubara tokko horateera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *