Ministirri Muummee Suudaan har’a ganama Finfinnee seenan

Finfinnee (Yeroo) Muddee,4/2013

Ministirri Muummee Suudaan Dr Abdallaa Hamdook har’a ganama daawwannaa guyyoota lamaaf Finfinnee seenanii jiru.

Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahmad buufata xiyyaaraa Idil-addunyaa Booletti argamuun simataniiru.

Abdallaa Hamdook faanaa qondaaltonni nageenyaafi woraanaa Sudaan olaanoon dhufaniiru.

Hoggantoonni lameen akkaataa walitti-dhufeenyi biyyoota lamaanii caalaa itti cimiuufi dhimmoota yeroo irratti ni mari’atu jedhameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *