Itoophiyatti dhukkubsattoota COVID-19 yaala addaa barbaadan keessaa 59% du’uun ibsame

Itoophiyatti dhukkubsattoota COVID-19 yaala addaa barbaadan keessaa 59% du’uun ibsame 

Finfinnee (Yeroo) – Muddee,2,2013

Itoophiyatti yeroo ammaa dhukkubsattoonni COVID-19 tajaajila addaa barbaadan gar-malee dabalaa jiraachuufi haga ammaattis dhukkubsattoota dhukkubichaan qabamanii yaala addaa argachaa turan keessaa 59% kan ta’an lubbuun isaanii darbuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dr Liyaa Taaddase ibsan.

Lakkofsi dhukkubsattoota tajaajila yaala addaa barbaadanii baayyachuun keessumattuu magaala Finfinneetti humna dhaabbilee fayyaatii oli ta’aa jiraachuus Dr Liyaan himaniiru.

Namoota guyyaa guyyaan Covid-19n qabamanii gara jiddu gala yaalaatti dhufan keessaa jiddu-galeessaan 305 yaala addaa kanneen barbaadan akka ta’eefi isaan keessaas 40 haga 45 kan ta’an meeshaa hargansuu nam-tolchee akka fayyadamanis ministirittiin eeranii jiru.

Daguun hawaasa keessatti mul’achaa jiru,dhukkubichi badeera jedhanii yaaduufi qooda fudhattoonni shoora isaan irraa eeggamu bahuu dhabuun rakkoo mudachuurratti argamuuf sababaa ta’uus Dr Liyaan hubachiisaniiru.

Hawaasni ofeeggannoowwan taasifamuu qaban hunda taasisuu akka qabuuufi qooda fudhattoonnis shoora isaanii akka taphatan kan dhaaman ministirittiin kun ta’uu dhabnaan garuu rakkoon fayyaa hamaan biyyattii mudachuu akka danda’us akeekkachiisaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *