Sadaasa 22 bara 2013 kaasee birrii moofaan bituufi gurguruun hin danda’amu jedhame

Sadaasa 22 bara 2013 kaasee birrii moofaan bituufi gurguruun hin danda’amu jedhame 

Finfinnee ( Yeroo),Sadaasa 21/2013

Sadaasa 22 bara 2013 kaasee birrii dura tureen (birrii moofaan) bituufi gurguruun dhoorkamuu Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa beeksise.

Haata’uu malee birricha hanga Muddee 6tti gara manneen baankiitti geessuun jijjiiruun akka danda’amu baankichi hubachiiseera.

Tajaajilli birrii abbaa shanii akkuma jirutti itti fufas jedhameera.

Itoophiyaan Fulbaana 6 bara 2013 kaastee birrii ishii woggoota 20 oliif tajaajilarra ture jijjiiraa turuun ishii ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *