Adde Keeriyaa Ibraahim mootummatti harka Kennatan

Adde Keeriyaa Ibraahim mootummatti harka Kennatan

Finfinnee (Yeroo),Sadaasa 22/2013

Miseensa koree hoj-raawwachiiftuu TPLF kan ta’an adde Keeriyaa Ibraahim guyyaa har’aa waaree booda harkasaanii mootummatti kennatanii jiru.

Adde Keeriyaa Ibraahim ji’oota muraasa dura af-yaa’ii mana maree Federshiinii Mootummaa Federaalaa turuun isaanii ni beekama.

Waggaa lama dura gaafa Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahmad imala seena qabeessa gara Eertiraatti taasisan qondaaltota mootummaa olaanoo isaan faana imalan keessaa takka ta’uun isaanii ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *