Federaaliziimii Sab-daneessa dhugaa ta’e ijaaruuf ni hojjanna-hooggantoota olaanoo Naannoo Oromiyaa

Federaaliziimii Sab-daneessa dhugaa ta’e ijaaruuf ni hojjanna-hooggantoota olaanoo Naannoo Oromiyaa 

Finfinnee (Yeroo) Sadaasa 28/2013 

Federaaliziimii sab-daneessa dhugaa ta’e ijaaruuf kutannoon hojjachaa jiraachuusaaniifi ejjannoon Paartii Badhaadhinaas kanuma ta’uu hooggantootni Naannoo Oromiyaa olaanoon dubbatan.

Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ergaa tibbana sirna kabaja Guyyaa Sabaafi Sablammootaa irratti dabarsaniin kana booda sirna qeenxee Itoophiyaa keessatti ijaaruun kan danda’amu yoo Itoophiyaan diigamte qofa ta’uu eeranii federaaliziimii sabaafi sablammoonni Itoophiyaa hundi qixa murteessitoota itti ta’aniifi ofiinis itti of bulchan ijaaruuf hojjatamaa jiraachuu hubachiisanii jiran.

Kana booda Itoophiyummaa jechuun eenyummaa ofii qabaachuudha kan jedhan Obbo Shimallis,sirna federaaliziimii diigaa jirtan jechuun kan maqaa nu balleessan qaamota TPLF jala hiriiranidha’’jedhaniiru.

Paartiin Badhaadhinaa sirni Federaaliziimii haqa qabeessaafi dhugaa ta’e Itoophiyaaf filannoo foyya’aadha jedhee akka amanu kan himan ammoo sadarkaa ittaanaa pirezidaantiitti qindeessaa kilaastera hawaasummaa Naannoo Oromiyaa kan ta’an Obbo Addisuu Araggaati.

Obbo Addisuun ergaa karaa toora Facebook isaaniin har’a dabarsaniin,cimina adeemsa darbe keessatti horanne itti fufsiisaa hanqinoota sirreeffachaa biyya tokkummaa qabduufi badhaate uumuuf ni hojjanna jedhaniiru.

Itti-gaafatamaan sab-qunnamtii Paartii badhaadhina damee Oromiyaa Obbo Taayyee Danda’aa gamasaaniin duula seera kabachiisuuf Naannoo Tigraayitti taasifame hordofuun qaamoleen mata-duree ristii deeffachuu jedhuufi mata duree heerri biyyattii jijjiiramuu qaba jedhu hafarsan mul’achaa jiraachuu himanii,gaafiin daangaa bulchiinsaa kamuu yoo jiraate karaa seera qabeessaan qofa komishiinii eenyummaafi daangaaf dhiyaachuu akka qabu akeekkachiisanii jiru.

Gaafii jijjiirraa ykn fooyya’iinsa heera biyyattii irratti ka’us ilaachisuun Obbo Taayyeen rakkoon heerichaa qabiyyee odoo hin taane raawwiidha jechuun mootummaan heerri amma jiru akka itti fufu fedhii qabaachuusaa mirkaneessanii jiru.

Qaamni heericha humnaan jijjiiruuf socho’u yoo jiraate akka itti gaafatamus Obbo Taayyeen akeekkachiisaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *