Humni TPLF badii hedduu biyyaafi uummatarratti raawwataa ture-Dr Abiyyi Ahmad

Humni TPLF badii hedduu biyyaafi uummatarratti raawwataa ture-Dr Abiyyi Ahmad

Finfinnee (Yeroo),Sadaasa 21,2013:

Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr Abiyyi Ahmad gaafilee miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa isaaniif dhiyaateef deebii kennanii jiru.

Humni TPLF damee tikaafi raayyaa biyyattii kophaasaa dhuunfachuun biyyaafi uummata miidhaa turuu kan himan Dr Abiyyi,jijiiramni akka hin dhufneefi keessumattuu isaan gara hooggansaatti akka hin dhufneef gareen kun cimee hojjachaa turuus dubbatan.

Dhiibbaan TPLF eega isaan Ministitira Muummee ta’uun muudamaniin boodas ji’oota muraasaaf isaan mataasaanii irrayyuu turuu furtuun waajjiraafi mana jireenyaasaanii jara harka turuu eeruun hubachiisan.

Gareen TPLF erga angoo jiddu galeessaarraa ari’amee boodas naannolee hundatti wolitti bu’iinsa sabaafi amantii gurguddoo 113 uumaa akka tures muummichi kasaniiru.

Tarkaanfiin aggaammii gareen TPLF raayyaa ittisa biyyaa ajaja kaabaarratti taasise hordofuun fudhatamaa ture ummatni nagahaa odoo hin miidhamne xumuramuu kan himan muummichi,ittaansuun hojiin namoota buqqa’an deebisanii dhaabuufi naannicha deebisanii ijaaruu akka hojjatamu hubachiisan.

Wolitti dhufeenyi biyyoota ollaa faana biyyattiin qabdu gaariidha kan jedhan Dr Abiyyi,keessattuu Eertiraan miseensota raayyaa ittisa biyyaa gareen TPLF uffatasaanii irraa baasee ari’e uffistee deebisuun aantummaa agarsiifteetti jedhan.

Filannoon biyyaalessaa adeemsifamuuf jedhu yeroo qabametti akka adeemsifamuufi haqa qabeessas akka ta’u mootummaan ni hojjata jedhan Muummichi.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *