Manni Marii Federeshiinii yaada murtii Naannoo Tigraayitti bulchiisni yeroo akka ijaaramuuf dhiyaate raggaasise

Manni Marii Federeshiinii yaada murtii Naannoo Tigraayitti bulchiisni yeroo akka ijaaramuuf dhiyaate raggaasise.

Finfinnee – (Yeroo ) Onkololeessa 28/2013

Manni Maree Federeshiinii yaada murtii Mootummaan Federaalaa dhimma Naannoo Tigraay keessa akka seenuu fi naannichatti bulchiisni yeroo akka ijaaramuuf dhiyaate guyyaa har’aa sagalee guutuudhaan raggaasise jira.

Dabalataanis Manni Marii Naannichaa filannoo dhiyeenya taasifamee tureen hundaayeefi qaamni hoji-raawwachiisu ittifamuun bulchiisa yeroo hundaayuuf jedhuun akka bakka bufamanis manni marichaa kallattii kayee jira.

Bulchiisni yeroo hundaayuuf deemu kun itti gaafatamummaa hoji-raawwachiistuu hoogganuufi filannoo geggeessuus  akka qabaatu ibsamee jira.

Haala naannichi itti argamu ilaalchisuun Muummichi Ministiraa ji’a sadi sadiin Mana Marichaatiif gabaasa akka dhiyeessanis eeramee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *