Boordiin Filannoo Biyyaalessaa ABOn yaa’ii waliigalaa akka gaggeessu akeekkachiise

Finfinnee, Amajjii 27, 2013 ( Yeroo ) – Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Addi Bilisa Baasaa Oromoo (ABO)n yaa’ii waliigalaa akka gaggeessu ibsa baaseen hubachiiseera.

Boordichi waldhabdee hoggantoota adda Bilisummaa Oromoo garee Obbo Daawud Ibsaan geggeeffamuu fi garee Obbo Araarsoo Biqilaan geggeeffamu gidduutti uumame hiikuuf irra deddeebiin tattaaffii taasiisuu ibseera.

Obbo Araarsoo Biqilaafaan xaalayaa lakkoofsa 06/ABO/12 Hagayya 1, 2012 fi 7/08/12, 05/03/19 lakkoofsa 08/ABO/12 barreessaniin koreen hojii raawwachiiftuu paartichaa hayyuu dureen ABO Jaal Daawud Ibsaa aangorraa dhorkamaniiru jechuun murtichas Boordiin Filannoo Biyyaalessaa akka beeku gaafachuusaanii boordichi yaadachiiseera.

Obbo Daawud Ibsaafaas xaalayaa gaafa 08/10/2020 lakkoofsa 0211/xly/abo/ 2020 barreessaniin miseensota koree hojii raawwachiiftuu paartichaa kan turan obbo Araarsoo Biqilaa, obbo Toleeraa Tashoomaa, obbo Atoomsaa Kumsaa akkanumas miseensa Mana Maree Biyyaaleessaa kan turan obbo Qajeelaa Mardaasaa fi obbo Arbichoo Diima hanga yaa’ii waliigalaa itti aanuutti itti gaafatamummaarraa dhorkamuu isaanii Boordichaaf hubachiisuun isaanii eerameera.

Boordichi wadhabdee qaamolee lameen gidduutti uumame qajeelfama bu’uura taasifachuun hiikuuf yeroo garaagaraatti tattaaffii taasiisaa turuu himeera.

Xumura irrattis,miseensoonni,caasaalee fi geggeesitootni dhaabichaa yaa’ii waliigalaa rakkoo uumameef furmaata akeekuu danda’u gaggeessuu akka qaban boordichi akeekkachiiseera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *