Tigraay keessa naannoon Oromoon Raayyaa jiraatu yeroof nagaya akka qabu himame

Tigraay keessa naannoon Oromoon Raayyaa jiraatu yeroof nagaya akka qabu himame.

Finfinnee (YEROO) Onkololeessa 29/2013

Kibba Tigraay naannoo Oromoon Raayyaa jiraatutti woli-gaarreffannaan yoo jiraates hanga ammaatti lollis ta’ee dhiibbaan kallattiidhaan naannichaan addatti Oromoota Raayyaarra gahe yeroof akka hin jirre dhalattoonni Raayyaa Finfinnee jiraatan Yeroo Miidiyaatti himanii jiru.

Gama lachaniiyyuu woli-gaarreffannaa fi sonni woraanaa jiraachuu kan himan maddeen kunniin yeroodhaaf garuu qabatamaan rakkoon mul’ate akka hin jirre mirkaneessanii jiru.

Mootummaan lola lafoo caalaa lola xiyyaaraa filachuun isaatiifi naannoon buufata woraanaafi meeshaalee woraanaa xiyyeeffannoo addaa ta’uunisaa yeroodhaaf kibbi naannichaa akka nagaya ta’uuf sababaa ta’uu akka hin oolles maddeen kunniin dubbatanii jiru.

Lolli Mootummaa Federaalaatiifi bulchiinsa Naannoon Tigraay jiddutti jalqabame har’as guyyaa shanaffaaf akkuma itti fufetti ka jiru yoota’u,Daanshaan,Baakariifi iddoowwan Shiraaroo kaasee hanga Shireetti jiran marti toowwannaa Raayyaa Ittisa Biyyaa jala akka oolfaman ittaanaan Itaamaajor Shiimii Raayichaa Jeneraal Birhaanuu Juullaa ibsuun isaanii ni yaadatama.

Yeroo Miidiyaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *