Filannoo Biyyaalessaa bara kanaa irratti hin hirmaannu —OFC

Finfinnee, Gurraandhala 24/2013 (Yeroo)

Koongiresiin Federaalistii Oromoo Filannoo Biyyaalessaa bara kanaarratti akka hin hirmaanne itti-gaafatamaan Waajjira Paartichaa Obbo Xirunee Gamtaa naaf mirkaneessaniiru.

Murtiin kun koree hoji-raawwachiiftuu paartichaatiin akka murtaayee fi hidhamuun miseensotaa fi cufamuun waajjiraalee paartichaa sababaa ta’uu Obbo Xiruneen hubachiisaniiru.

Namoota hojii filannoo akka qindeessaniif paartichaan ramadaman 5 keessaa Jawaar Mahaammad,Baqqalaa Garbaa,Hamzaa Adaanee mana hidhaa jiraachuu kan yaadachiisan itti-gaafatamtich,”Kunis shira haata’u jedhamee akka nuti filannoo irratti hin hirmaanneef dalagamedha “ jedhaniiru.

Paartichi ibsa guyyaa kaleessaa baaseen filannoo irratti hirmaachuuf waajjiraaleen na jalaa cufaman naaf banamuu qabu,miseensotni na jalaa hidhaman gad-naaf lakkifamuu qabu,sagantaan filanichaa fooyya’uu qaba,dirreen siyaasaa bal’aafi kan lammiilee hunda hirmaachisu ta’uu qaba “jechuun haal-duree dhiyeessuun isaa ni yaadatama.

Dhimmicha irratti Ministira Muummee Dr Abiyyi Ahmadii fi geggeesitoota Naannoo Oromiyaa woliin marii taa’aniis furmaata argachuu akka hin dandeenye Obbo Xiruneen hubachiisaniiru.

Gaafii gara fuula duraaf hoo maali yaaddu jechuun isaaniif dhiyeesseef ammoo “yeroo biraatti bal’inaan miidiyaaleef ibsa ni kennina jedhaniiru.

Nutis yeroo dhiyoo keessatti rakkoolee ijoo paatricha mudatanii fi furmaata isaanii,akkanumas karoora paartichaa gara fuula duraa irratti hooggansa olaanaa Paartichaa woliin bal’inaan turtii taasifnee isiniif akka dhiyeessinu gamanumaa ibsuu barbaadna.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *