Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa labsii muddamaa Naannoo Tigraay irratti labsame sagalee guutuudhaan raggaasise

Onkololeessa, 26/2013

Finfinnee (Yeroo) Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa labsii Maree Ministirootaa guyyaa kaleessaa Naannoo Tigraay labsii muddamaan geggeessuuf baasee ture sagalee guutuudhaan raggaasise.

Labsichi ji’oota jahaaf kan turu yoota’u wixineewwan labsichaa dhawaataan koree dhimma kana hordofuuf dhaabbateen bahaati deemus jedhamee jira.

Labsiin kun guutummaa naannichaatti hojiirra kan oolu akka ta’eefi iddoowwan labsichi itti raawwatamu ykn hojii irra itti hin oolfamne qajeelfamoota koreen lbsicha hoogganu gara fuunduraatti baasuun akka murtaa’us himameera.

Mootummaa Federaalaatiifi Bulchiinsa Naannoo Tigraay jidditti  halkan gaafa dheengaddaa ifatti woraanni jalqabamuun isaa ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *