Fayyaan Faaya Irgi Maaf Nu Dhiiga?

Fayyaan Faaya

Irgi Maaf Nu Dhiiga?

Dhiiguun irgaa rakkoo irgarraa fi dhibee biroo jabaaf saaxilamaa jiraachuu keenyaf mallattoo ta’uu danda’a.

✓ Irgi dhiiguun maal qaqqabsiisa?

Inni jabaan rom’uu (inflamed gums) yookiin (Gingivitis) irgaa qaqqabsiisudha.

Irga jidduutti xuriin kuufamu(plaque) qulqulleeffamuu baannan jajjabaatee irgi akka dhigu taasisa.

✓Sababoonni biroos;

* Dhukkubbii dhiiguu irgaa barame,

* Ilkaan humnaan qulqulleessuuf yaaluu,

* Jijjiirrama hoormoonii yeroo ulfaa,

* Infeekshinii ilkaanii yookin irgaa,

* Kaansarii dhiigaa,

* Dawaa dhiiga qallisan fayyadamuu,

* Hanqina vaaytaamiin K

* Ilkaan nam tolchee sirnaan hin dhaabbanne,

✓Maal gochuu dandeessu?

* Ilkaan yoo rigattan suuta rigadhaa; guyyaatti si’a 2 yoo rigattan ni gorfama.

* Rakkoo dhiiguu irgaa yoo qabaattan ilkaan qulqulleessuuf/ dhiquuf wantoota alkoolii of keessaa qabanitti hin fayyadaminaa. Dhibicha hammeessuu waan danda’aniif.

* Ilkaan keessan waggaatti si’a 1 ogeessan osoo dhiqamee.

* Tamboo xuuxxu taanan osoo dhiistanii.

* Irgi keessan yammuu dhiigu, jirbii bishaan qabbanaa’aa cuubuun irratti qabadhaa.

✓ Ogeessa bira yoom dhaquu qabdu?

* Dhiiguu irgaa isinirra ture yoo qabaattan?

* Dhibeewwan biroo walfakkaatoo yoo qabaattan,

* Yaalan boodas dhiiguu yoo dhaabuu baate.

Maddi; Oral Care Center

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *