Irreechi Hora Finfinnee jaarraa tokkoo fi walakkaa booddee deebi’ee Kabajamuufi jedhame

Irreechi Hora Finfinnee jaarraa tokkoo fi walakkaa booddee deebi’ee Kabajamuufi jedhame.

_____________________

 kabajaa Ayyaana Hora Finfinnee fi Hora Arsadee ilaalchisuun Gumiin Tokkummaa Abbootii Gadaa Oromoo ibsa kennaniiru.

Oromoon magaalaa keessaa dhiibamee keessaa godaaneefi salphifametti irreecha nagaa, tokkummaafi jaalalaa saba osoo addaan hin qodiin hammachuun waliin kabajatuudha jedhan.

Waan namarraa bade wayita deebi’e namaaf galu naamusaafi duudhaa sirna Gadaa bifa calaqqisiisuun simachuun kabajachuu qabna.

Ummanni Oromoo gaaffii waggaa dheeraa kan ture Irreecha Hora Finfinnee kana kabajachuuf wareegamni inni kaffalaa tures yeroo itti deebii argate waan ta’eefi Oromoon biyya keessaafi biyya alaa jiru osoo lagaan, amantaafi siyaasaan wal hin qoodiin guyyaa seena qabeessa kana miidhagfachuu qabna,Oromoon sabootaafi sablammoota biyyattii hunda waliin osoo wal hin qeeqiin kabajachaa tureera. Ayyaana kanas wayita kabajannuu wal jaalalaafi tokkummaan miidhagina biyyattii ta’uu keenya kan itti mirkaneessinu ta’uu qabas jedhan.

Irreechi kan Oromoo qofa osoo hin ta’in kan saboota kuush hundaafi jaallattoota Oromoo maraati;saganticharratti foolleewwan kuma 20 ol nageenya kabachiisuuf uffata aadaa wal fakkaatuun faayamanii ni bobbaafamu jedhameera.

Bakki itti irreeffatamu ummata kabajachuuf bahe hunda gahuu Baatuu namni bakkuma jirutti wal hammatee dabarsuu akka qabuu fi Ayyaanni Hora Finfinnee Fulbaana 24 kan kabajamu yoo ta’u, kan Hora Arsadee ammoo Fulbaana 25 akka ta’u Gumiin Tokkummaa Abbootii Gadaa murteesseera

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *