Jawaar Mohaammad, Baqqala Garbaa dabalatee namootni siiyaasaa hidhaa irraa hiikamaan

Jawaar Mohaammad, Baqqala Garbaa dabalatee namootni siiyaasaa hidhaa irraa hiikamaan. Gama kaaniin Dura Taa’aan Paartii Baaldaraas Iskindir Naggaa hiikamuu isaa mirkana’eeraa.

Jawaar Mohaammad dabalatee hogganoonni paartii mormituu Kongirasii Federaalawaa Oromoo fi namoonni isaan waliin himatamanii mana amala sirreessaa Qaallitti jiran akka bahan itti himamuu abukaatoon isaanii himan. Abukaatoon Obbo Jawaar akka himanitti Obbo Jawaar akka bahan itti himamuufi har’a waan dukkanaa’ef hin baanu jedhaniiru jechuun himan.

Galmee Obbo Jawaar jalatti namoonni 20 ol kan himataman yoo ta’u Qallittiitti Jawaar Mohaammad, Baqqala Garbaa, Hamzaa Adaana (Booranaa), Mallasa Dirribsaa fa’i ni jiru.

Abuukatoo obbo Jawaar kan ta’aan Obbo Tuuliin Bayisaa ”Hiikamuun isaanii nu gammachiisuus adeemsa hordofee hiikamuu dhabuun isaanii nu yaaddessa,” jechuun himan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *