Ogeessi seeraa fi abukaatoo Abduljabbaar Huseen magaalaa Adaamaatti lubbuun isaa darbuun himame

Hagayya 4: Yeroo Fiinfinne

Qondaalli olaanaa magaalaa Adaamaa BBC’n dubbise duuni isaa qoratamaa akka jiruufi namoonni bakka kufee argame jedhanitti turan to’atamu himaniiru. Obbo Abduljabbaar magaalaa Adaamaa ganda Gadaa ykn Ganda 12 jedhamuutii  kufee argamuu waajjiri bulchiinsaa fi nageenyaa magaalichaa ibsee jirra. 

Akka hogganaan waajjira bulchiinsaa fi nageenyaa magaalichaa Obbo Makuriyaa Dinquu BBC’tti himaniin qaamni obbo Abduljabbaar bakka kufe argamerraa gara hospitaala dhuunfaa Riifti Vaalii geeffamee achitti lubbuun isaa bahuu dubbataniru. 

Meedikaal direektarri hospitaala waliigalaa Riifti Vaalii Dr Laggasaa Alamaayyoo Obbo Abduljabbaar Huseen wayita hospitaalicha gahu lubbuun keessa hin turre jedhu. “Madaan qaamma wanti mul’atu waan hin jirreef wanni gargaaramullee waan hin jirreef konkolaatuma ittiin dhufeen gara hospitaala Adaamaatti poolisoonni akka waamaman goonee, gaggeessine,” jedhan Dr Laggasaan. 

Waahila hojii isaa kan ta’ee ogeessi seeraa fi abukaatoo Obbo Gammachuu Guutamaa, “kufee argamee du’e, sababni du’a isaa hanga ammaa kana jedhamee hin beekamu,” jechuun BBC’tti himaniiru. 

Hospitaala Adaamaatti erga ilaalaame booda qorannoo barbaachisaan achitti godhamuu waan hin dandeenyeef gara Finfinneetti akka ergamu godhaame ture. Reeffi Obbo Abduljabbaar Finfinneerraa gara Adaamaatti kan deebi’e yoo ta’u bu’aan qorannoo isaa garuu hin baramne. 

Hidhamtootaa siyaasaatif abukaatummaan falmuun kan beekamu Abduljabbaar Huseen, garee abukaatota Jawaar Mohaammad, Baqqalaa Garbaa fi hogganoota siyaasaa kaaniif falman keessaa tokko. Paartiin Kongireesii Federaalawwaa Oromoo (KFO), du’a isaaniitiin gaddi guddaan dhagaahamuu ibsee, maatii fi firoottan isaaniif jajjabina hawweera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *