Firoonni Pirezidantii duraanii Oromiyaa Alamaayyoo Atoomsaa qe’eetti ajjeefamaan

Muddee 18: Yeroo Finfinnee

Ajjeechaan gaafa Jimaata ganama bakka dhaloota pirezidantii duraanii Godina Jimmaa Aanaa Noonnoo Beenjaa ganda Konchii jedhamuutti raawwateen walumaagala namoonni saddeet ajjeefamaniiru. Namoonni lama immoo lubbuun hafanii yeroo ammaa hospitaalatti wallaanamaa jiraachuun himameera.

Ajjeechaa kana qaamni Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan ABO-Shanee/Shanee jedhee waamuu raawwatuu isaa qondaaltonniifi maatiin dubbataniiru. Ajjeechaan alatti manneen 17 ta’an, akkasumas midhaan gubachuun gabaafameera. Hanga yoonaa qaamni badii kanaan shakkameerratti to’annoon yookiin taarkaanfiin fudhatame akka hin jirre qondaalli himaniiru.

Namoota ajjeefaman saddeet keessaa torba fira Obbo Alamaayyoo ta’uu maatiin kan BBCtti himan yoo ta’u, tokko immoo ollaadha. Haadhaafi intala ganna 25, akkasumas maanguddoo ganna 76 ol dabalatee warra du’an keessa jiru.

”Reeffi argame kan nama saddeetiiti. Namni lama mana yaalaa dhaqqabeera,” jedhan Bulchaan Aanaa Noonnoo Beenjaa Obbo Kumarraa Diggaa. Obbolaan sadan Obbo Alamaayyoo ajjeefaman; hangafni hundumaa Obbo Mulaatuu Atoomsaa yoo ta’an, umriin isaanii waggaa 75 olidha, abbaa ijoollee sagaliiti. Lammata Obbo Xintii Atoomsaa ganna 70 ol abbaa ijoollee saddeetii, akkasumas Obbo Adabaa Atoomsaa ganna 50 ol abbaa ijoollee saddeetii akka ta’an maatiin himaniiru.

Ilmi maanguddoo ajjeefamanii tokko milishaa ta’uu maatiin dubbatu. Hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo caasaa mootummaa kanneen akka bulchaa gandaa, milishaa, qondaaltota mootummaa, poolisiifi kaan irratti akka xiyyeeffatan sochiin isaanii kana duraa ni agarsiisa.

A.L.A bara 2010’tti Abbaa Duulaa bakka bu’uun Pirezidantii Oromiyaa ta’un kan muudaman Obbo Alamaayyoo Atoomsaa Bitootessa bara 2014 Taayilaanditti lubuun isaani darbee.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *