Adaanach Abeebee kantiibaa magaalaa Finfinnee ta’uun muudaman

Fulbaana 18: Yeroo Finfinne

Manni marii magaalaa Finfinnees sagalee guutuudhaan Kantiibaa Finfinnee akka ta’aniif mirkaneessaniiru.

Manni marii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee Kantiibaa Magaalaa Finfinnee guyyaa hardhatti gochuun filate. Aadde Adaanech Kantiibaa itti aantuu magaalaa Finfinnee ta’uun hojjechaa kan turan yoo ta’u, waggoota shanan dhufaniif aangoo kennameef kanaan tajaajiluuf waadaa seenaniiru.

Filannoo Marsaa 6ffaa akka biyyaatti adeemsifameen booda Bulchiinsi magaalaa Finfinnee yaa’iisaa jalqabaa guyyaa har’aa taa’aa jira. Manni marii magaalichaa yaa’ii Kibxata adeemsiseen, Aadde Buzeenaa Alqaadir ammoo Afyaa’ii gochuun filateera.

Paartii Teessoo hedduu injifate Biltsiginnaa keessaa kan filataman Aadde Buzeenaa Alqaadir, miseensonni mana marichaas sagalee guutuudhaan mirkaneessan. Manni marii magaala Finfinnee teessoo 138 kan qabu yoo ta’u, afyaa’iin haaraa filatamanis kakuu raawwachuun hojii isaanii jalqabaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *