Walgahii addaa Manna Maree Mirgoota Namoomaa UN

Muddee 8: Yeroo Finfinnee

Manni Maree Mirgoota Namoomaa UN walgahii addaa Jenevaatti taa’een sarbama mirgoota namoomaa Itoophiyaa keessatti qaamolee hundaan raawwataman qorachuuf komiishiniin eksipartootaa idil-addunyaa akka hundaa’u sagalee caalmaan murteesse.

Biyyooti miseensa mana marichaa 21 yaada murtii dhiyaate yoo deeggaran, 15 mormanii 11 ammoo sagalee hin kennine. UN qaamoleen waraana Itoophiyaa irratti hirmaatan marti sarbama mirgootaa raawwachuu himee, waraanni Itoophiyaa guutummaa naannichaaf balaa waan qabuuf humnooti hundi of duuba deebi’uu akka qabanis akeekkachiisera.

Yaada murticha qopheessuun mana marechaaf kan dhiyeesse Gamtaan Awurooppaa, yaadi murtichaa sarbama mirgoota namoomaa gama lamaaniinuu raawwatamaa jiru akka dhaabbatuufi itti gaafatamummaan akka jiraatu godha jedhera.

Bakka bu’aan Itoophiyaa walgahii kanarratti hirmaatan himannaawwan walgahicharratti mootummaa Itoophiyaa irratti dhiyaatan bu’uura kan hin qabnee fi dhugaa lafa jirurraa kan fagaatedha jedhan. Himannaan mootummaan gargaarsa namoomaa uggure jedhu dhugaa lafarra jiru hin mul’isu jedhan.

Qorannoon waloo Komiishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa fi Waajjira Mirgoota Namoomaa UN taasisan mootummaan beela akka meeshaa waraanaatti akka hin fayyadamne ragaa akka hin arganne ibseera jedhan. Yaadni murtii qorannoon irra deebiin akka godhamu jedhu bu’aa siyaasaa argamsiisuuf kan qophaa’e jechuun balaaleffatan.

Mootummaan Itoophiyaa ibsa Kamisa Mudde 16, 2021 galgala baaseen murtii walgahii kanarratti darbu kamuu akka hin fudhanne ibsee ture. Mootummaan Itoophiyaa yaa’iin addaa dhimma Itoophiyaarratti taa’amu kun dantaa siyaasaa biyyoota Lixaa tajaajiluuf yaada jedhuun wixinee yaad-murtii qophaa’ettu gadduu ibsee, adeemsa isaas balaaleffatee ture.

Eertiraa, Raashiyaa, Veenzuweelaa, Chaayinaa, Indiyaa, Namiibiyaa fi Somaaliyaan biyyoota yaada murtii dhiyaate mormuun sagalee kennan keessaati. Bakka bu’aan Eertiraa Manni Marichaa odeeffannoo dogoggaaraa fi qajeelfama waajjirichaa cabsuu dabalatee adeemsa sirrii hin taaneen rakkoo sarbama mirga namoomaa fi balaa ABBUT’n dalagame gara dabarsuun qaamolee biraa komachaa turee jedheera. Wixinee haaraa qorannoo gaggeessuuf dhiyaate guutummaatti kan balaaleffatu ta’uu ibseera.

Somaaliyaan qaama haaraa sarbama mirgaa raawwatame qoraachuf hundaa’e akka hin deeggarree fi yaada furmaataa qorannoo waloo UN fi Komiishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaatiin kaahame raawwachuuf deeggarsa kennuun akka wayyu ibsiteertti.

Ejjennoo waloo Afrikaan dhiyeessite deeggarra kan jedhan bakka buutuun Namibiyaa, ”mootummaan Itoophiyaa sarbama mirga namoomaa maaliif seeraan hin furu jedhamee akka amanamee fi qaamni haaraan akka hundaa’u wixineen akka dhiyaatee nuuf hin gallee” jetteertti. ”Naamibiyaan hundeeffama qaama haaraa kana hin deeggartu” jedhan.

Bakka bu’aan mootummaa Kuubaas bu’aan qorannoo duraanii bu’aa akka buusu qaamolee hojjechaa jiran deeggaruu akka wayyuufi hojimaata walfakkaataa hin taaneen dhimma keessoo biyyaa jidduu galuu akka hin deeggarre beeksiseera. Bakka buutuun Naayijeeriyaas qaama haaraa sarbama mirgaa qoratu ijaaruun bu’aa addaa buusu hin qabuu jechuun miseensonni kaaniis hojiilee mootummaan Itoophiyaa raawwachaa jiru akka deeggaran gaafataniiru.

Biyyoonni akka Firaans, Oostiriyaa, Jappaan, Niiwu ziilaand, Ayerlaand fi Awustiraaliyaa sarbamni mirga namoomaa Itoophiyaa keessa jiru hammaataa ta’uu ibsanii yaada gareen qorannoo haaraan akka hundaa’u dhiyaate deeggaraniiru.BBC Afaan Oromoo

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *