MM Abiy Ahimad adda waraanaatti duulaan

Ministirrri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad guyyaa Kibxatarraa kaasee adda waraanaatti bobba’uun, qaamaan Raayyaa Ittisa Biyyaa kan finciltoota waliin waraanaa jiru akka hogganan beeksisan.

MM Abiya Wiixata galgala karaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniitiin akka beeksisanitti, ”imaanaan seenaa maqaa bilisummaa Itoophiyaa eegsisuu narra jira,” jedhan.

Itti dabaluunis: ”yeroonsaa kan aarsaadhaan biyyi ittiin hogganuun barbaachisuudha” jechuun, ofiin adda waraanaatti argamuun Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin argamanii hoggansa kennuuf ” [Kibxata] kaasee gara adda waraanaatti nan duula” jedhan.

MM Abiy ”kanneen ijoollee Itoophiyaa seenaan dinqisiifatu keessaa tokko ta’u warri yaaddani hundi, biyya keenyaaf jecha har’uma ka’aa, adda waraanaatti wal haa agarru,” jechuun kanneen biraatiifillee dhaaman.

Ministirri Mummee Abiy wayita isaan adda waraanaatti argamuun Raayyaa Ittisa Biyyaa hoggananiitti, qaawwa motummaa isaanii keessatti umamu, hoggansi naannooleefi federaalaa yeroo kamuu caalaa misoomaa fi hojiiwwan bulchiinsaa dandeettii isaanii guutuun akka raawwatan ibsaniiru.

”Amma yeroo Itoophiyaa baraaruuf qabsoo dhumaa itti taasifnudha” kan jedhan MM Abiy, diinoonni biyyattii keessaafi alaan akka ka’an eeruun, ”qabsoon kunis ijoolleen keenya biyya akka qabaataniif kan taasifamuudha,” jedhan.

MM Abiy ”haleellaa humnootii biyya keessaafi biyya alaa waliin ta’uun Itoophiyaa irratti banamee kana qolachuuf” ummattoonni addunyaa gurraachi hunduu Itoophiyaa maddii akka hiriiruuf gaafatan. ”Waraannii karoora humnootii alaatiin Itoophiyaa irratti baname kun Itoophiyaa qofaaf osoo hintaane, kan ummattoota gurraachaa hunda irratti waanjoo bittaa haaraa fe’uuf kaayyeeffateedha” jedhan.

Murteen MM Abiy kunis kan dhagahame erga koreen hojii raawwachiiftuu Paartii Badhaadhiinaa Wiixata kaleessaa haala waqtaawaa biyya keessa jiru irratti marii taasisaniin booda kan ibsameedha.

Paartichi toora hawaasummaa isaa irratti akka ibsetti, koreen hojii raawwachiiftuu walgahii taasiseen, dhimmoota addaa addaa irratti kallattii kennuun walgahiisaa xumureera jechuun waa’ee ka’an gadi fageenyaan hin ibsine.

Waraanni Kaaba Itoophiyaatti waggaa tokkoo oliif gaggeeffamaa jiru kunis karaa nagaatiin akka furamuuf qaamoolee adda addaatiin dhiibbaan taasifamaa kan ture yoo ta’u, Gamtaan Afriikaa ammo ergamaa addaa ramaduun araara buusuuf yaalii taasisaa jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *