Abbaa Gadaa Karrayyuu dabalatee namoonni 14 ajjeefaman

Amajji 25: Yeroo Finfinne

Godina Shawaa Bahaa daangaa Aanaa Boosati fi Aanaa Fantaalee iddoo Kaarra ykn Mootoma jedhamu qubatanii kan turan Abbaa Gadaa Karrayyuu Kadiir Hawaas dabalatee, namoonni 14 ajjeefamuu jiraattonni BBCtti himan.

Roobii Mudde 1 bara 2021 guyyaa keessaa tilmaamaan naannoo sa’aatii jahaa, humnoonni mootummaa lafa warri Gadaa qubatanii turanitti erga marsanii booda, fuudhanii deemanii galgala keessa akka ajjeesan hima namni obboleessi jalaa ajjeefame kun.

Ajjeechaan kun kan raawwate naannoo uummatni Karrayyuu sirna Gadaa itti gaggeeffatu bakka warri aangoo Gadaa harkaa qabu qubatanii jiranitti ta’uu jiraataan Aanaa Fantaallee obboleessi jalaa ajjeefame tokko BBC’tti himeera.

Abbaa Gadaa Kadiir Hawaas dabalatee tuutni abbootii Gadaa ajjeefaman miseensota Gadaa Michillee, kan Dullachaa yoo ta’an, waggaa afur dura Gadaaf godaananii bakka Kaarra jedhamu qubatanii akka turan hima jiraataan kun.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa gama isaatiin ibsa Jimaata ajjeechaa kana ilaalchisuun baaseen, Abbaan Gadaa Karrayyuu Kadiir Hawaas kan ajjeefaman “garee shorkeessaa Shaneetiini” jjedheera.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n ibsa Jimaata Muddee 3, 2021 baaseen ”Ajjeechaan kun ta’e jedhamee itti qophaa’amee humnootii ngenyaafi hidhattootaan namoota nagaa callisiisuuf gara jabinaan kan raawwatamedha,” jedheera. bbc

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *