Hiidhatooni ABBUT iddoowwan to’atanitti manneen barnootaa 2 ol manca’an

Amajji 19: Yeroo Finfinnee

Naannolee Amaaraa fi Affaar iddoowwan hidhaatooni ABBUT to’atanitti manneen barnootaa kuma 2 ol sadarkaa gara garaatti manca’u isaani mootummaan hime. Naannoo Amaaraa godinaalee shan keessatti manneen barnootaa 1660 ta’anirra miidhaan sadarkaa gara garaa gaheera jedhan Ministira Deetaan Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Salaamaawit Kaasaa.

Kanneen keessaa manneen barnootaa 277 fi dhaabbileen leenjii barsiisotaa 2 guutummaatti kan barbadaa’an ta’uu ibsa kennaniin beeksisaniiru. Naannoo Affaaritti ammoo manneen barnootaa 455 guutummaatti barbadaa’aniiru jedhan.

Sababa manca’iinsa manneen barnootaa kanarra gaheen naannoo Amaaraa qofatti barattoonni miliyoona 1.2 ta’an barnootaan ala yoo ta’an, barsiisotni kuma 47 ammoo hoji dhabdoota ta’aniiru. Manneen barnootaa manca’an kanneen deebisanii ijaaruuf dhaabbilee gargaarsaa waliin hojjechuuf gama mootummaan qophiin godhamaa akka jiru himaniiru.

Naannoo Amaaraa qorannoo taasise jedheen erga waraanni eegalee naannicha keessatti qabeenyi birrii biliyoona 270 ol barbadaa’uu beeksisee ture. Misoomawwan bu’uuraa qonnaa, buufataaleen fayyaa fi kanneen biroo saamichaa fi manca’iinsi hamaan iratti raawwatamuu hima.

Iddoowwan to’annoo ABBUT jala jiran keessatti namoota nagaa ajjeesuu dabalatee qabeenya saamuu fi barbadeessuun kan komatamu gareen hidhaatoota ABBUT, gochoota kana raawwachuu ni waakkata. Naannoo Amaaraatti lakkoofsi namoota sababa waraana kanaatiin qe’eerraa buqqa’anii miliyoona 1 darbuu Aadde Salaamaawiit Kaasaa himaniiru.

Buqqaatota kanaaf mootumman nyaata kuntaala kuma 265 ol raabsuu himaniiru. Naannoo Afaaritti lakkoofsi namoota buqqa’anii kuma 76 ta’uu kan himan Aadde Salaamaawiit, kanneeniifis nyaatni kuntaalli kuma 36 kennamaa jira jedhan.

Deeggarsi nyaataa Sagantaan Nyaataa Addunyaa (WFP) gara Tigraay ergu guyyoota darban balalii qilleensaa akkasumas karaa Samaraa itti fufeera jedhan. Samaraa irraan nyaataa fi meeshaalee barbaachisoo kan fe’anii ulaagaa barbaachisu kan guutan konkolaattonni fe’uumsaa 83 gara Tigraay seenuu himan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *