Raayyaan ittisa biyyaa Maqalee toowate

Finfinnee (Yeroo) – Raayyaan ittisa biyyaa Itoophiyaa har’a waaree booda magaala Maqalee guutumaan guututti toowachuusaa itaamaajor shuumiin raayyaa ittisa biyyaa Jeneraal Birhaanuu Juullaa beeksisan.


Duula miseensotaafi hidhattoota Adda Bilisa Baasaa Tigraay toowachuun naannichatti seera kabachiisuuf baname jedhame kana fiixaan baasuu keessatti deeggarsi uummatni Tigraay raayyaa ittisa biyyaaf taasise olaanaa akka ta’es Jeneraal Birhaanuun dubbatanii jiru.

Duulli itti aanu yakkamtoota adamsanii seeraaf dhiyeessuudha kan jedhan itaamaajor shuumichi,hojii kanas dafanii xumuruuf uummatni Tigraay kutannoon akka hirmaatu gaafatanii jiru.

Kun kanumaan odoo jiru ,duulli naannoo Tigraayitti seera kabachiisuuf duulame injifannoon goolabamuusaa Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad ergaa karaa fuula tiwutar isaaniin dabarsaniin beeksisan.

Hojiin ittaanu naannicha deebisanii ijaaruufi deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuu akka ta’es Dr Abiyyi himanii jiru.

Dabalataanis poolisiin Federaalaa hojii yakkamtoota seeraan barbaadaman adamsee toowachuu ni hojjata jedhanii jiru.

Sa’aatii Maqaleen toowatamuun ishii angaawota kanneeniin ibsametti guutummaa magaala Finfinneetti uummatni miira gammachuu olaanaa ta’e agarsiisuu isaa taajjabnee jirra.

Sadaasa 19/2013

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *