Gabaasa qoraanoo “Haleellaa saalaa dabalatee sarbaama mirgaa namoomaa” ifaa bahee

Onkololleessa 23: Yeroo Finfiinne

Gabaasni Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa fi Waajjirri Mirgoota Namoomaa UN waliin ta’uun qorannoo taasisaniin yakki waraanaa raawwatamuu isaatif ragaa argateera. Gabaasni fuulawwan 156 qabuu, ifoome lola Kaaba Itoophiyaan walqabatee sarbama mirgoota namoomaa Sadaasa 03, 2020 hanga Waxabajjii 28, 2021ti raawwatame jedhe of keessaa qaba.

Qooda fudhattoonni waraana Tigraay martuu sarbama mirgoota namooma idil-addunyaa kan yakka waraanaa fi yakka namooma irratti raawwatamu ta’uu danda’an raawwataniiru jedha gabaasni bahe. Ajjeechaan seeraan alaa, reebichaan dararuun, dirqiin gudeeduu fi haleellaan baqattootaa fi kanneen qe’eerraa buqqa’an irratti raawwatame jiraachuu gabaasni kun mul’iseera.

Ibsaa Komiishinarri mirgoota namoomaa Itoophiyaa Dooktor Daniel Baaqalaa fi UN Misheel Baachelet waaliin keenaaniin waraanni Kaaba Itoophiyaa waggaa tokko lakkoofsise ‘gochaawwan gara jabinaa hamoon’ kan itti raawwataman ta’uu eeruun, waraanichi xumura akka godhatu waamicha dhiyeessan.

“Qooda fudhattoonni waraanichaa martii … kallattiin lammilee nagaa ykn qabeenya isaanii kanneen akka mana jireenyaa, manneen barnootaa, hospitaalota fi manneen amantaa haleelaniiru, ykn ammoo haleellaa walitti qabaan raawwataniin lammilee nagaa fi qabeenyaa isaaniirra miidhaa geesisaniiru jennee akka amannu sababni gahaan jira,” jedha gabaasichi.

Ajjeechaan seeraan alaa murtii seeraa malee raawwatamuu fi ta’e jedhanii du’aan nama adabuunis raawwateera jedha. Akka fakkeenyaattis dhukaasa Sadaasa 28, 2020 tabba to’annoo Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa jala jirurraa dhukaafameen magaala Maqalee keessatti yoo xiqqaate lammiileen nagaa 29 ajjeefamuufi yoo xiqqaate 34 immoo miidhamuu hima.

Kana malees lola Sadaasa 09 – 11, 2020 magaala Humaraa keessa tureen dhukaasa loltoota Eertiraafi humnootii Tigraayiin namootni 15 yemmuu ajjeefaman heddun madaa’uunis gabaasichaan himameera.

Gabaasicha keessatti gareen dargaggoota Tigraay Saamrii jedhamu Sadaasa 09 fi 10, 2020 dhalattoota saba Amaaraa 200 ol magaalaa Maayikaadiraatti akka ajjeesan himameera. Magaaluma kanatti tarkaanfii haaloo bahummsaan dhalattoonni saba Tigraay ajjeefamuus hima.

Humnoota mootummaa Itoophiyaa waliin hiriiranii lolaa kan turan loltoonni Eertiraa jiddugaleessa Tigraay Aksuum keessatti baatii Sadaasaa keessa namoota 100 ol ajjeesuus gabaasichi ni mul’isa.

“Namootni kallattiin waraanicha keessatti hirmaataa hin turre qooda fudhattoota waraanicha gama lamaaniin jiraniin ta’e jedhamee ajjeefamuu isaanii akka amannu sababni gahaan waan jiruuf, yakki waraanaa raawwatamuu hin oolle” jedha gabaasichi.

Gareelee lolicha irratti hirmaataniin dararaan hammaataa raawwatamuu kan himu gabaasni kun miidhamtootni reebamuu, hidhamanii namaan akka wal hin agarre taasifamuu, doorsifamuu fi soorata dhorkamuu himeera.

“Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa namoota iddoowwan dhokatoo fi kaampiiwwan waraanaa keessatti hidheera” kan jedhu gabaasichi hidhaawwan kunneen harka caalmaan hidhaawwan bu’uura seeraa hinqabne ta’uu dubbata.

Humnootiin Tigraay fi gareeleen isaaniin hidhata qabanis lammiilee nagaa sabaan Tigree hin taane seer-malee hidhuu fi butuu akkasumas kunneen keessaa tokko tokko immoo ajjeefamuufi akka dhabaman taasifamuus gabaasichi himeera.

Itti dabaluunis miidhamni saal-qunnamtii kan dirqiin gudeeduu dabaaltu gama lamaaniinu dubartoota, dhiirota, ijoollee shamarranii fi dhiirootaa irratti raawwatamuu eera.

Gabaasni waloo kun haleellaan saal-qunnamtii gareelee lola Kaaba Itoophiyaa keessaa harka qaban maraan raawwatanuu himeera. “Dirqisiisanii gudeeduufi haleellaawwan saalaa biroon hamilee miidhamttoota cabsuuf faayidaarra oolaniiru” jedha gabaasichi.

Gareen qorannoo waloo miidhammtoota haleellaa saal-qunnamtii dubartoota 30 walin af-gaaffii taasisuufi kunneen keessaa walakkaa kan ta’an irratti gochaan dirqisiisanii gudeeduun garee (gang-rape) raawwatamuu himeera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *