Manni Maree Ministiroota Labsii Yeroo Arifachiisaa Labse

Onkololeessa 22: Yeroo Finfinnee

Manni Maree Ministiroota guutuu biyyattitti labsii yeroo arifachiisaa labseera.

Uummanni humna Shoroorkessaa irraa bilisa akka of taasisuu jechuun labsiin hatattamaa kun fudhatamuu Dooktar Geediyoon Ximootiyoos ibsan.

Labsii 05/2014 labsiin kunis har’arraa eegalee kan hojiirra ooluufi Mana maree bakka bu’oota uummataaf sa’aa 48 kessatti dhiyaatee kan mirkanaa’uu yoo ta’uu, har’a irraa eegalee hojiirra oola jedhan Dooktar Gediyoon.

Bu’uurri kaayyoo labsii ariifachiisaa kanaas haala hamaa amma biyya keenya keessa jiru qaama nageenyaa fi tasgabbi idileen galmaan gahuu waan hindandeenyeef, murtoon kun fudhatame jedhan Dooktar Gediyoon.

Qaamni waan kana raawwachisuufi olaantummaan hogganuu Itaamaajoor Shuumii waliigalaa Raayyaa Ittisaa Ityoophiyaan yoo ta’uu, Itti waamamni isaas Muummee Ministaraa Ityoophiyaaf ta’a jedhan.

Izziin kun iddoo kamittuu kan too’atuu fi kan ajajuu yoo ta’uu, dargaggoota hidhatanii jiran leenjisuun gara waraanaatti ajajuu danda’a. Iziin kun sa’aa daanga’ee Magaaloota kessatti murteessuu danda’a. Tajaajila geejjibaa iddoo barbaadeefii akkaataa yaadeen daangessuu danda’a.

Qaamoolee hidhata shororkessaa waliin qabu jedhee shakkee ajaja tokkoo malee sakatta’uu, gaafachuu fi meshaalee argamee to’achuu ni danda’a. Bakkeewwan tajaajila mootummaa adda addaattis shakkii yoo qabaate dhaabsiisuuf aangoo qaba.

Labsiin yeroo hatattamaa kun ji’a 6 kan turu yoo ta’uu, haala yeroo irratti hundaa’uun yoo foyyee dhabe ji’a 4 kan dabalatu yoo foyyeen jiraate ji’a 6tti kan dhaabbatu ta’a.

Kallattiniis al-kallattiniis qaamoolee humna shoroorkessaaf dhaabbilee hamileefii meeshaan deeggaran eeyyamnii isaa akka haqamuu gochuu danda’a. Midiiyaafi Gaazexeessaa dhimma biyyaarrati dhiibbaa uumman eeyyama isaanii haquu fi saamsuu fi too’achuu danda’a.

Dhimmoonni yeroo labsii muddamaa kanatti qaama aangoon kennameef raawwataman:-

Dhimma kana mormuus ta’ee uummata jeequu jiraannaan murtoo fudhachu danda’a.

Qaamoolee Izzii kanaan beekkamtii argateen alatti qaamooleen walga’ii taa’uu kamuu dhorkaadha.

Eeyyaamaafi beekkamtii qaamolee kanneeniin alatti qaamnii meshaa waraanaa qabatee deemuu kamuu dhorkaadha.

Hawaasni kamuu waraqaa Eenyummaa mana hojiifi gandaa qabatee socha’uufi yoo hin qabaannee gandaafii Aanaa jirutti imaluun guyyoota 15 dhufan kessatti galmaa’ee waraqaa eenyummaa yeroo qabaachuu qaba.

Kenniinsa tajaajilaafi meeshaalee bu’uuraarratti gatii hin mallee dabaluun waan hin malleefi faayidaafi taayitaa fayyadamuun labsii kanaan dhorkaadha.

Qajeelfamoota bahan hojiirra oolchuu dhabuun tarkaanfii sirreeffama hanga waggaa 10 tti yoo xiqqaatee hanga waggaa 3 adabsiisuuf labsichii baheera.

Dhimmoota kanaa waliin walqabatan dhiyeenyatti haala foyya’uu danda’an irratti karaa midiyaa hawaasaa Ministeera Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaafi Ministeera Haqaan ifa akka ta’u Dr. Gediyoon Ximootiyoos ibsaniruu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *