Filannoon Marsaa 6ffaan marsaa lamaan akka adeemsifamu ibsame

Walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Birtukaan Miidhaksaa ibsa kennaniin Filannoon Marsaa 6ffaan sababa rakkoo maxxansaa,rakkoo nageenyaa fi rakkoo daataan marsaa lamaan akka adeemsifamuuf murtaayuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan,buufataalee filannoo sababoota garaa garaatiin Waxabajjii 14, 2013 filannoo gaggeessuun itti hin danda’amnetti filannichi Qaammee1,2013 akka geggeeffamu himaniiru.

Bu’uuruma kanaan,filannoon bakka buutota mana maree naannoo fi Federaalaa Naannoo Somaalee Qaamee 1/2013 akka adeemsifamu murtaayeera.

Murtiin ummataa ummattoota kibba lixaas Qaamee 1/2013 adeemsifama jedhameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *