Lolaa guyyaa kaleessaa Finfinneetti mudateen Lubbuun namoota darbuun himame

Hagayya 12: Yeroo Fiinffine

Kaleessa waaree booda Bokkaa cimaa Magaala Finfinneetti roobeen lagni Bakkanniisaa guutee dambali’uun mooraa Seminaarii Makaneyesuus seenuun miidhaa guddaa geessise.  Balaa kanaanis namoota mooraa sana keessa jiraachaa turan keessaa lubbuun namoota torbaa yoo darbu dubartiin tokko ammoo hanga ammaatti barbaadamaa jiraachuun BBCn gabbaaseerra.

Mooraa seeminaarichaa keessatti barattoonni hanga 300 tahan doormii keessa akka jiraatan yoo ta’uu, manni jireenya barattootaa kuni garuu gamoo olka’iinsa qaburra waan jiruuf barattootarra miidhaan hin geenye jedhameera. Lolaan kaleessa mudate kuni lubbuu namaa kan galaafate naannoo mana jireenya barsiisotaa fi hojjettootaatti akka ta’ee fi namoonni humna qaban baaxii manaarra bahuun lubbuu isaanii akka olfatanis dubbatan.

Moorichatti ganna ganna balaan lolaa kan mudatu ta’us inni kaleessaa garuu isa olaanaa fi lubbuu namaas kan galaafate ta’uun kan jalqaa akka ta’es himaamme jira.

Kantiibaa itti aantuun Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee, balaa lolaa guyyaa kaleessaa iddoowwan akka Askoo, aday ababaa, golf club fi iddoowwan kaanitti mudateen balaa lubbuu namaa fi mancaatii qabeenyaa gahe qaaman argaamanni dawattanni jiruu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *