Manni barnoota Muuziqaa artiist Hacaaluu Hundeessaatiin moggafaamme eebbifame

Hagayya 5 :Yeroo Fiinfinne

Mana barnoota Muuziqaa artiist Hacaaluu Hundeessaa mooraa Yuunvarsiitii Wallaggaa Keessatti geggeeffameera. Preezdaantiin Yuunvarsiitii Wallaggaa Dooktar Hassan Yusuuf, kaayyoon mana barnooticha hojiiwwan aartii keessatti Artistiin Hacaaluu Hundeessaa hojjete dhaloota itti aanuuf dabarsuufi jedhaniiru.

Dhaloonni egerees ammoo gama aartiitiin qooda isarraa eegamu akka ba’atee darbuuf haala mijeessuuf ta’uu Dooktar Hassan Yusuuf himaniiru.

Sirni eebbichaa bakka Abbootiin Gadaa, keessummoonni iddoo garaagaraa irraa affeeramanii, hojjettoonni mooraa yuunvarsitichaa fi barattoonni argamanitti gaggeeffameera.

Guyyaa boriitti Yuunvarsiitichi barattoota barsiisaa ture marsaa 16 ffaa dhaaf ni eebbisiisa jedhamee eegama.

Maadda: Fuula feabukii Yunivaarsitii wallaaga

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *