Woraanni Eertiraa Itoophiyaa keessaa bahuu akka qabu Joo Baayiden akeekkachiisan

Finfinnee,Caamsaa 19/2013 ( Yeroo )-

Preezidaantiin US Ameerikaa Joo Baayiden kaleessa galgala ibsa jabaa Mootummaa Itoophiyaa ilaallatu maqaa isaaniitiin White House keessaa baasaniiru.

Ibsa isaaniitiinis Preezidaanti Joo Baayiden woraanni Eertiraa Itoophiyaa ( Naannoo Tigraay) keessaa hatattamaan gad lakkisee akka bahu akeekkachiisaniiru.

Joo Baayiden Humni Addaa Naannoo Amaaraas Naannoo Tigraay gadi lakkisee bahuu akka qabu hubachiisaniiru..

Mariin biyyooleessaa (national dialogue and reconciliation) adeemsifamee biyyi sabdaneessummaan (pluralism) itti kabajame ijaaramuu akka qabdus,Joo Baayiden dhaamaniiru.

Ibsa preezidaanti Baayiden hordofee yaada hayyootaa xiinxalluuf yaalii taasifneen irra jirreessi hayyoota Oromoo fi sabaafi sablammootaa qabxiileen Baayiden kaasan afranuu Muummicha Ministiraafis, ummataa Oromoofis, ummattoota Itoophiyaafis gaarii waan ta’eef mootummaan carrichatti fayyadamee rakkoolee alaafi keessaa biyyatti deemaa jiran dhaabuu qaba jechuun yaada isaanii lafa kaayuusaanii hubanneerra.

Hayyootniiifi namootni siyaasaa saba Amaaraa hedduun ammoo ibsi preezidaantichaa birmadummaa biyyattii kan sarbuufi faayidaa biyyaas kan miidhudha jechuun hadheeffatanii mormaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *