Dr.Birhaanuu Naggaa Amaaraan quphattoota jedhan jechuun komataman

Finfinnee,Caamsaa 02/2013 ( Yeroo )

Dursaan Iizeemaa Dr Birhaanuu Naggaa erga Viidiyoon turaan isaan Amaaraan quphattoota ittiin jedhan jedhame karaa miidiyaa hawaasummaatiin gad-lakkifamee booda komatamuu irratti argamu.

Haata’uutii malee paartiin isaanii Iizeemaan woli-qoqqoodiinsa sabaa mormuun beekama.

Iizeemaan Itoophiyaanota akka lammii wal-qixaatti ilaala jedhamee yaadamuun, viidiyoon Dr Birhaanuun Amaaraan quphattoota irratti jedhan jedhame komiin hamaan akka uumamu taasiseera.

Hooggantoonni Iizeemaa gamasaaniitiin namootni siyaasaa dhalootaan Amaara ta’an maqaa Gaarii Dr Birhaanuu xureessuuf yaalaa jiru jedhaniiru.

Dubbi-himaan Iizeemaa Naatinaa’el F.Abarraa akka jedhanitti ,viidiyichi propaagaandaaf jecha kan qindaaye ta’uu eeruun, viidiyoo haasaa Dr Birhaanuu guutuu qabate fuula feesbooka isaanii irratti maxxansaniiru.

Viidiyicha irrattis Dr Birhaanuun “Amaaraa fi kanneen biroo sababa quphattoota jedhamuun moggaafamaniif dararamuu irratti argamu.Oromoonis sababuma woli-fakkaatuun Naannoolee Somaalee,Amaaraa fi Benishaangul Gumuuz keessatti ajjeefamaa ture” yoo jedhan dhagahameera.

Dabalataanis,lammiileen biyyattii hundi woli-qixxummaan yoo ilaallamaniifi bakka hundatti qixa yoo keessummeessaman malee Itoophiyaan maraammartoo wolitti bu’iinsaa keessaa bahuu akka hin dandeenyes Dr Birhaanuun haasaa viidiyoo kana keessatti dhaggeessisaniin kaasaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *