Hundeessaa ABO Leencoo Lataaf Dooktoraa Kabaja kenname

Onkololeessa 6: Yeroo Finfinne

Yuunivarsiitiin Dambi Doolloo nama siyaasaa gameessa Obbo Leencoo Lataaf doktorummaa kabajaa kenne. Bara 1991 ABO bakka bu’uun adda durummaan hundeeffama mootummaa ce’umsaa Itoophiyaa irratti qooda fudhachaa turan.

Qabsoo fi siyaasa Itoophiyaa keessa waggoota hedduuf kan turan namni siyaasaa gameessi Obbo Leencoo Lataa, namoota Adda Bilisummaa Oromoo(ABO) hundeessan keessaa tokko. Sirna federaalaa fi heera mootummaa Itoophiyaa yeroo ammaa kana hojiirra jiru bu’uuressuu keessatti ga’ee guddaa qaban.

Dambi Doollootti dhalatanii achumatti baruumsa kan eegalan Obbo Leencoo Lataa, barnoota sadarkaa lammataa Adaamaatti, digirii isaanii ammoo Ameerikaatti ‘Keemikaal Injinariingii’ baratan. Yuunivarsiitiin Dambi Doolloo gumaacha isaanii siyaasaa Oromoo fi kan biyyaa kessatti qabaniif doktorummaa kabajaa kana akka kenneef beeksiseera.

Obbo Leencoo Lataa Itoophiyaa saboonni hiree ofii ofiin murteeffachuu, ofiin of bulchuu, wal-qixxummaa, diimokiraasii fi wal-kabajuun waliin jiraachuu danda’an ijaaruutti amanu jedhamuun kaafamu. “Itoophiyaa kana haalduree malee hin fudhannu, haalduree malees hin dhiifnu” ejjennoo jedhuun beekamu.

Bara 1992 ABOn mootummaa cehumsaa keessaa bahuu hordofee biyyaa kan bahan Obbo Leencoo Lataa, wal-dhibdee dhaaba keessatti uumameen bara 2013 ABO keessaa bahuun hiriyoota isaanii biroo waliin Adda Diimokiraatawaa Oromoo (ADO) hundeessan. Dhimma siyaasaa Oromoo fi Itoophiyaa irratti marsariitiiwwan gara garaa irratti barruuwwan hedduu barreessuunis beekamu.

Waggoota dheeraaf mirga Oromoof dubbachaa kan turan Obbo Leencoo Lataa, kitaabota ‘Ethiopian State at the Crossroads’ akkasumas ‘The Horn of Africa as Common Homeland’ jedhan Afaan Ingiliiziin barreessaniiru.

Jijjiirama mootummaa bara 2018 dhufeen booda, Caamsaa bara 2018 hogganoota ADO biroo waliin gara Itoophiyaa kan deebi’an Obbo Leencoo Lataa, yeroos siyaasa keessatti ni hirmaanna jedhanii turan. Erga biyyatti deebi’aniin booda kitaabni mata duree ‘Sana-Hafee’ jedhu qabu seenaa Obbo Leencoo Lataa fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo irratti fuulleffate maxxanfameera.

Yuunivarsiitin Dambidoolloo erga hundeeffammee bara kana yeroo lammataaf barattoota kan eebbisiise yoo ta’u, digirii lammataan barattoota yoo eebbisiisu kun yeroo duraatiifi. Walumaagalatti barattoota 1100 ol bara kana eebbisiiseera.

Maddi:BBC Afaan Oromoo

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *