Itoophiyaatti Gostii Vaayrasii COVID 19 Delta argame

Qaammee 2: Yerro Finfinne

Gosti vaayrasii COVID 19 bay’ee hammatta Delta jedhamu argamuun isaa ministarii fayyaa beksisee jira. Ministirii fayyaa Dooktaar Liyaa Taaddassa ibsaa keenaniin torbee laaman darbaan keessaati lakkoofsii namootaa vaayiraasichaan qabaamaani kutaa wallaansaa yaala cimaa keessa galani fi luubuun darbanii bay’ee dabaluu ibsaniruu.

Gosti vaayirasii COVID 19 Delta jedhamu kun namoota  sadarkaa umrii hundaa kan miidhu, mirra dhukkubii cimaa fi safisaan kan nama ajjesuu, keessatu namoota tallali hin fudhaatiin irratti akka hammattu ibsaaniruu.

Itoophiyaatti torbee darbee qofaa namootaa 8300 vaayiraasichaan qabamaan keessa luubbun namoota 118 darbee jiraa. Hami vaayiraasichaan qabamuu %1 irraa gara %20tti ol dabalee jira.

 Namooni hundii dhaabille yaalatti argamuun taalali akka fudhattan hubachiisaniruu.

Maddi: FBC

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *